“Daldala seeraan alaa bittaafi gurgurtaa boba’aa irratti raawwatu to’achuuf labsii bahe hojiirra oolchuudha”- Aadde Ayishaa Yahyaa.

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 14, 2017- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa taa’een labsii sirna daldala boba’aafi bu’aalee boba’aa raggaasuun isaa ni yaadatama. Dhimma kana ilaalchise walitti qabduu koree dhaabbii dhimmoota daldalaafi Turizimii mana marichaa Aadde Ayishaa Yahyaa OBN dubbisee jira.

Boba’aa sharafni alaa guddaan itti bahee biyya alaatii galu to’annoo isaa cimsuuf labsiin kun akka barbaachise himanBoba’aa kan fichisiisu Dhaabbata Dhiyeessii Boba’aa Itiyoophiyaa yoo ta’u, raabsitoonni ammoo dhaabbilee 59 dha; kana keessatti hirmaannaa olaanaa kan qaban dhaabbilee 10 hin guutan. Kunis investimentii gahaa hojii kanaaf barbaachisu osoo hin qabaatin waan keessatti hirmaataniifi. Adeemsi boba’aa fichisiisuu hanga fayyadamaaf dhiheessuutti labsii kana keessa taa’ee akka jiruufi namni yookiin qaamni kana cabsee argamees adabbii cimaa hordofsiisa jedhan. Aanaalee 500 akka biyyaatti buufata boba’aa hin qabne biraan gahuufis qajeelfamni bahaa jira.

Labsiin kun akka hojiirra oolu qaamoleen mootummaafi uummanni qindoominaan hojjechuu akka qabanis dhaaman. Akaaluu Baqqalaan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...