‘OBN Cyber Media’ Mudde 24, 2017-Aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda Gooroo Leencaatti Harreen lakkuu dhalte.
Taateen akkasii kotte duudaarratti baramaa ta’uu baatus carraan beeyladoonni lakkuu dhaluu, wayita sanyiin kormaa gara sanyii dhaltuutti gadhiifamuun killee tokkicha bakka lamatti qooduufi yeroo sanyiin dhaltuu killee lama qopheessuun lachansaanii sanyii kormaan walargan lakkuun uumamuu danda’a jedhan, Ogeessi Fayyaa Beeyladaa Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa Dr.Faaruq Aliyyii.
Harreen amma lakkuu dhaltes haaloota lamaan keessaa tokkoon ta’uu malaa akeekan. Asiin duras Godinuma Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Harreen lakkuu dhalte taatee addaa ta’uun haasa’amee ture. Taajuddiin Abdiitu gabaase.
