‘OBN Cyber Media’ Amajjii 05/2017- Gabaa kaappitaalaa cimaa qabaachuun diinagdee dorgomaa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu, Ogeessi Faayinaansii, Obbo Gammachuu Birhaanuu himan.
Gabaa qabeenya sanada Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad tibba darbe eegalchiisan ilaalchisuun yaada kenniin namoonni investimentii keessa akka seenaniif carraa haaraa bana jedhan.
Gabaa kanaan ala kaappitaala bituufi gurguruunis dhorkaa akka ta’e himan. Akaaluu Baqqalaatu gabaase
