Home Oduu Diinagdeen Itiyoophiyaa harka 7.2’n akka dabalu Fandiin Maallaqaa Addunyaa(IMF) raage

Diinagdeen Itiyoophiyaa harka 7.2’n akka dabalu Fandiin Maallaqaa Addunyaa(IMF) raage

0

Bara faranjootaa xumuramuuf ji’oonni muraasni hafan kanatti Diinagdeen Itiyoophiyaa %7.2’n dabaluu danda’a jechuun Fandiin Maallaqaa Addunyaa [IMF] raage.

Dhaabbatichi raaga isaatiin Itiyoophiyaan bara 2026’ttimmoo %7.1’n guddachuu akka dandeessu timaameera.

Kana jechuun hammi oomishaa walii galaa biyya keessaa (GDP) kan jiruratti hamma xiqqaan dabalamee ni guddata jechuudha.

Teessoon isaa ‛Washington DC’ kan ta’e Fandiin Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF) Onkoloolessa 6/2018 gabaasa waggaa baaseen Itiyoophiyaa dabalatee diinagdee biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii 45 xiinxaleera.

Biyyoonni Sahaaraa gadii kunneen haalota biyya alaa, gatii shaqaxootaa hin tasgabboofne, yeroo dhaabbileen Addunyaa haala liqii mijeessuurratti rincicaa jiranitti akkasumas yeroo daldalliifi deeggarsi diinagdee qormaata keessa jirutti diinagdeen isaanii dandamataa akka ta’e IMF xiinxaleera.

Bara 2025 kana diinagdeen biyyoota kanaa diinagdee dandamataa (resilient economy) ta’ee guddina %4.1’n akka itti fufu tilmamameera.

Raagni Fandii Maallaqaa Addunyaa [IMF] kun bara 2026 dhufaa jiruttimmoo diinagdeen biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii gara %4.4 guddachuu akka malu akeekeera.

Bara 2025 xumuramaa jiru kanatti biyyoonni kun guddina diinagdee %3.8 akka galmeessan IMF raagee turuun isaa ni yaadatama.

Kanaafimmoo agarsiistuun [Rifoormiin diinagdee] Itiyoophiyaafi Naayijeeriyaa keessatti hojiirra oolaa jiru gumaacha guddaa qabaachuudha jedhame.

“Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni akka Beeniin, Kootidiivar, Ruwaandaafi Yugaandaan akka Addunyaatti biyyoota guddinni diinagdee saffisaan itti galmaa’aa jirudha” jedha gabaasni IMF

“Guddinni diinagdee Addunyaa xumura bara 2025’tti sadarkaa turerraa %0.2’n hir’achuu mala jedhee tilmaamus haalli diinagdee biyyoota Sahaaraa gadii ALA ji’a Ebla/2025 as fooyya’iinsa giddu galeessaa mul’iseeras” jedha IMF.

Bara dhufu sadarkaa Idil-Addunyaatti, gatiin boba’aa ni hir’ata jedhamee eegamus gatiin Bunaafi Warqii addumatti gatiin Shaqaxootaa gatii yeroo weerara Vaayirasii koronaa turee ol qaala’uu akka danda’an gabaasichi akeekeera.

Kunimmoo biyyoota akka Itiyoophiyaa qabeenya uumamaaan badhaadhaniif bu’a qabeessa tahuu akka danda’u IMF akeekeera.

Fandii Maallaqaa Idil-Addunyaa IMF waa’ee diinagdee Itiyoophiyaa ijaa gaariin deddeebisee ilaaleera.

Itiyoophiyaa keessatti bara faranjootaa 2025 qaala’iinsi gatii %13 irra jiru bara 2026’ttimmoo gara %9.4’tti hir’achuu akka danda’u IMF raageera.

Dhaabbatichi Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa guddina guddaa galmeessuu akka dandeessu yaadachiiseera.

Yaadasaa Lammaatiin

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version