‘OBN Cyber Media’ Amajjii 20,2017Dhiyeessiifi tajaajila fayyaa fooyyessuun,Lammii fayyummaan isaa eegameefi misooma keessatti qooda fudhatu horachuu keessatti qooda olaanaa qaba.
-Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darbanitti dhiyeessiwwan fayyaafi tajaajila fayyaa fooyyeessuun lammii fayyummaan isaa eegameefi misooma keessatti qooda fudhatu horachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni jajjaboon galmaa’aniiru.
Waggoottan shanan darban keessatti akka seektara fayyaatti karoora hirmaachiisaa fi hunda galeessa ta’e kan fayyadamummaa hawaasaa bal’aa roga adda addaatiin dhugoomsu danda’u karoorsuun hojii hojjetamaa tureen milkaa’inni karaa adda addaatiin galma’uu Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa addatti turtii Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Waggoottan shanan darbanitti dhaqqabummaa tajaajila fayyaa foyyeessuuf hojii hojjetameen hanga bara 2012tti Hospitaalota sadarkaa garaagaraa 65 irra turan yeroo ammaa Hospitaalota 118 qaqqabsiisuun uummataaf tajaajila fayyaa kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa caasaa seektarichaa sadarkaa sadarkaan jiruuf kenneen dhaabbilee fayyaa garaagaraa kuma 2fi 232 ijaaruufi suphuun tajaajila fayyaaf akka oolan taasifamee jira. Akka waliigalaatti yeroo ammaa kanatti dhaabbilee fayyaa sadarkaa adda addaa irra jiran kan mootummaafi dhuunfaa dabalatee dhaabbilee fayyaa kuma 14 ol ta’an hawaasa naannichaaf tajaajila fayyaa kennaa jiraachuus himaniiru.
Sirna dhiyeessii qorichaa keessattis hanqina guddaa mul’atu furuuf manneen qorichaa hawaasaa bara 2012tti 1 qofa ture, hojii hojjetameen manneen qorichaa hawaasaa 548 hundeessuun naannichatti tajaajila akka kennan kan taasifame ta’uus Obbo Darajjeen eeraniiru.
Wiirtuu sagantaa guddinaafi dagaagina daa’immaanii kanaan dura hin turre, waggoottan lamaan darban kana qofa keessatti dhaabbilee fayyaa 850 ol keessatti tajaajila kana jalqabsiisuun akka danda’ames ibsaniiru.
Hawaasni yaaddoo malee tajaajila fayyaa akka argatu hojii hojjetameenis waggaa shan dura itti fayyadamtoonni inshuuraansii fayyaa hawaasaa miliyoona 13.3 turan yeroo ammaa miliyoonaa 28.5 gahuun danda’amee jira. Bara 2016tti hawaasni miseensa inshuuraansii fayyaa hawaasaa miliyoona 21.8 ta’an tajaajila yaala fayyaa argatanii jiru. Kana keessaa hawaasni miliyoona 4.2 hiyyeessa jireenya gadi aanaa keessa jiran akka ta’e himaniiru.
Walumaagalatti waggoottan shanan darbanitti dhiyeessiwwan fayyaa cimsuun, tajaajila fayyaa fooyyeessuun lammii fayyummaan isaa eegameefi misooma keessatti qooda fudhatu horachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni gurguddoo kan itti galmaa’an ta’uu Obbo Darajjeen ibsaniiru.
