Chaampiyoonsi Liigii Afrikaan Al Ahaalii, Maameloodi Sandaawonsiifi Piraayimiid walakkaa xumuraaf gahan.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Ebla 01,2017-Chaampiyoonsi Liigii Afrikaan Al Ahaalii, Maameloodi Sandaawonsiifi Piraayimiid walakkaa xumuraaf yoo gahan har’a kilabni tokko isaanitti makamu ni beekama.

Tapha deebii nuusa xumuraan kaleessa taphatameen kilaboonni sadi walakkaa xumuraaf gahan beekamaniiru.

Sababa Suudaan waraana waliin waliinii keessatti argamtuuf Mooritaaniyaatti kilaba Suudaan Al Hiilaal waliin kan taphate shaampiyooniin Afrikaa yeroo 12 Al Ahaaliin goolii 1 fi 0’n injifate.

Tapha jalqabaanis goolii 1 fi 0’n kan mo’e Al Ahaaliin, qabxii waliigalaa 2 fi 0’n injifachuun walakkaa xumuraaf gahe.

Gara Tuunis imaluun Espiriiriyaansi Di Tuunis waliin kan taphate shaampiyooniin bara 2016 Maameeloodi Sandaawonsi goolii malee qixa bahee galee.

Maameeloodi Sandaawonsi dirree ofiirratti goolii 1 fi 0’n injifachuusaan walakkaa xumuraaf gahe.

Kilabni Morookoo AS Faar goolii 2 fi 0’n kan Ijipti Piraayimiidis injifatu, qabxii waliigalaan garuu Piraaymiidis goolii 3 fi 2’n injifachuun darbe.

Tapha jalqabaa goolii 1 fi 0’n kan injifate kilabiin Afrikaa Kibbaa Orlaandoo Paayireetis dirree ofiirratti kilaba Aljeeriyaa MC Aljeeris simata.

Walakkaa xumuraan Maameloodi Sandaawonsi Al Ahaalii waliin yoo taphatu, Piraayimiidis immoo Orlaandoo Paayireetisiifi  MC Aljeeris keessaa kan moo’ate waliin taphata.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...