Bu’aa kunuunsaafi qabeenya Bosonaa Oromiyaa!

Date:

weebiif Bosonni Oromiyaa qilleensa gubataa yokiin Carbondioxide xuuxee faalama naannoo hir’isuun doolaara galchaa jira.

Bosonni toora Arsii Baaleetti kunuunfamee daldala Kaarboonii keessatti hammatame galii birrii miliyoona dhibba 5 ol argamsiisuun hawaasa naannoo fayyadaa jiraachuu, Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa ibse.

Biqiltuun dhaabamaa jirus ta’e bosonni uumamaa madaallii qilleensaa eeguu, dawoo bineensotaafi ijaarsaaf ooluurra darbee iddoodhuma jirutti sharafa alaa galchaa jira jedhan, hoji-gaggeeessaan Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Damee Baalee Obbo Geetaachoo Abdataa.

Godinaalee Baalee lamaaniifi Boorana Bahaatti lafa hektaara kuma dhibba 6tti siqu bulchan keessaa marsaa duraan waldaaleen 38 sagantaa daldala Kaarbooniirraa birrii miliyoona 300 caalu argachuun bu’aasaa mi’eeffataniirus jedhan. Daldalli Kaarboonii kunimmoo hanga qilleensa gubataa bosona keessatti kuufame tooniidhaan shallagamee gurgurama.

Aanaa Harannaa Bulluqittis jiraattonni Ganda Shaawwee maallaqa daafii bosona kunuunsaniif argatan faayidaa waliiniif oolfataa jiru.
Kanaanis baadiyyaatti ibsaa galchuun baabura midhaan daaku bakka adda addaatti dhaabbachuun irraa fayyadamuu dabalatee lukkuu horsiisuu,daldala garaa garaa keessa seenuufi maashina buna falfalus dhaabbachuuf akeeka qabaachuu himan.

Gurmaa’insaafi fayyadamummaa hawaasaa to’achuun bu’aa daldala Kaarbooniirraa argatan keessaa harka 5 buufata biqiltuu akka ittiin misoomsan deggeraa jiraachuus Bulchaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Harannaa Bulluq obbo Kadiir Aadam himaniiru.
Marsaa lammataas damee Baaleetti hangi qilleensa gubataa toonii miliyoona 2.8 kuufamuun gabaaf dhiyaatee fayyadamummaa hawaasaa dachaan dabaluuf abdii ta’eera. Kunis doolaara miliyoona 28 galcha jedjhamee eegama.
Biqiloonni qilleensa gubataa/ carbon dioxide ofitti xuuxuun qilleensa qulqulluu/oxygen naannoof gumaachuun madaala naannoo eegu. Biyyoonni Gamtooman ALA bara 2015 Paarisitti walga’uun yaa’ii jijjiirama qilleensaa to’achuu maqaa COP21 jedhu moggaasan.Gamtichaafis biyyoonni 196 miseensa ta’anii hanga ho’aa digirii seentigredii 2 gaditti ittisuu dabalatee yoo danda’amemmoo digrii seentigredii 1.5 gaditti buusuuf waadaa galan.
Waliigalteen sunis teekinoloojii faalama qilleensaa to’atu madaqsuu, maallaqaan utubuufi biyyoota guddataa jiran deggeruu of keessatti hammata.Warreen biqiltuu dhaabuufi bosona kunuunsuun qilleensa gubataa kuusaniifis hangi CO2/qilleensa faalamaa xuuxame tooniin shallagamee akka kaffalamu keeyyata 6 irratti tumatan.

Itiyoophiyaanis waliigalticha simachuun misooma ashaaraa magariisaa labsuunis ta’e bosona uumamaa kunuunsuun madaallii qilleensa baramaa eeguusheetiin daldala kaarbooniirraa fayyadamaa jirti.
Gurgurtaa Kaarboonii kanaaf bu’uurri bosona Oromiyaati kan jedhan, Daarektara Ol’aanaa Ittaanaan ATENO obbo Boonaa Yaaddessaa waldaaleen 64 lafa hektaara kuma dhibba 2fi kuma 64 kunuunsan marsaa jalqabaatiin birrii miliyoona 500 caalu argachuu himan.
Baroota lamaan ittaananis hanga CO2 bosona Oromiyaa keessatti kuufamee shallaguun qilleensi gubataa toonii miliyoona 15 xuuxamuusaa ragaan qindaa’ee, gabaaf akka dhiyaatuuf xiinxalamaa jira jedhan, obbo Boonaa Yaaddessaa.
Kaarboonii gurguruun bu’aa argamurraa harki 80 hawaasa bosona kunuunsuuf kaffalamee tajaajila waloof kan oolu yoo ta’u harki 20 hafe biyyoota yokiin dhaabbilee investimentii daldala CO2 irratti hirmaachuun rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojjetaniif gala.

Isaanis hanga kuufama CO2 bitaniin rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuu keessatti hirmaatu.
Isinhoo bosona naannoo keessanii kunuunsuun daldala kaarboonniirraa fayyadamuuf maalitti jirtu?
Waaqgaarii Qana’aatu qindeesse.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...