Oromiyaa iddoowwan adda addaa keessatti Maqaa “Shookaa ykn Abushookaa” jedhamuun beekama; Afaan Ingiliiziin “Cactus ykn Cactus pear” jedhamee Waamama.
Badheessi ba’ee imala gara waqtii Gannaa yeroo qabachuuf jedhamu nyaataaf dhaqqaba.
Hundeen biqilaa kanaa qoreedhaan kan haguugame, tajaajila dachaa kennuudhaan beekama.
Qabiyyee albuudaa akka Maagniiziyeemii, Foosfarasii, Ayiranii, Pootaasiyeemii ,Zinkiifi Kooppariin kan badhaadhe ta’uun isaa immoo, fayyaa namaatiif gumaacha olaanaa qaba.
Akka barreeffamoonni tokko tokko mul’isanitti immoo Shookaan kun dhukkuba sukkaaraa, kolistiroolii to’achuuf , furdina garmalee fi mata bowwuu irraa nama baraara.
Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti, piroofesara gargaaraa Saayinsii Agroonoomii, qorataafi barsiisaa kan ta’an, Jamaal Abdulkariim akka jedhanitti,
Shookaan gosa biqiltuu uumama addaa qabuufi dandeettin bishaan qusachuu isaa guddaa ta’eedha.
Sababa kanaan naannoo gammoojjii hanqinni roobaa argamuttis ta’ee iddoo gogiinsi heddummaatutti dandeettii biqiluu qaba jedhan.
Addunyaarratti biyyoota akka Meeksiikoo, Ameerikaa, Chiilii, Afrikaa Kibbaa, Yamanii fi Indiyaan Shookaa Oomishuun biyyoota walduraa duubaan investimantiitti ceesisuun irraa fayyadamaa jiranidha.
Kaaba Itiyoophiyaattis gosti biqiltuu kun baay’inaan oomishamaa kan turee fi bifa gara garaatiin faayidaarra oolaa kan jirudha.
Akka Piroofeesara gargaaraan Jamaal Abdulkariim jedhanitti, Biqiltuun kun gosa (variety) adda addaa kan qabuu fi oomishaa fi oomishtummaan isaas akkasumatti adda adda ta’uu himanii faayidaa gara garaa qabaachuus dubbatan.
Qorannoo hanga ammaa jiruun Shookaan, nyaata namaaf kan oolu, biyyoota hedduu keessatti Wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaataa dhufeera.
Industiriiwwan keessatti Saamunaa, dibata qaamaafi cuunfaawwan dhugaatiif ta’an adda addaa irraa qopheessuuf oola kan jedhan Piroofeesaraa gargaaraan Jamaal Abdulkariim,
dhiqama biyyee oolchuu, nyaata looniifi Gaalaaf sirnaan kan tajaajilu ta’uu himan.
Dhandhama Shoookaa warri beektan mee barreessaa. Muhaammad Nageessoon










