Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti Hidhi Laga Gibee Anniisaa elektiriikaa akka maddisiisuuf tolfame Bonaa Ganna Naannoosaa jiisee, dargaggooota qurxummii kiyyeessaniif bidden baase.
Itiyoophiyaan madda lageenii Afriikaa ishee ijoo ta’uun maqaan leellifamtus hanga yeroo dhiwootti bu’aan irraa argatte maqaa qofa ture.
Boodana hojiin lageen hidhuun misoomaaf oolchuu eegalameen kuusaa lageenii kunneen horsiisa qurxummiif haala miijataa uumaa jira.
Dargaggoonni Godina Jimmaa Aanaa Sokorruus kanneen hojii kanaan milkaa’aa jiran keessaati.
Dargaggoo Kadir Abbaa Diggaafi Mohammad Abbaa Dilbii Ganda Unkurree naannoo Hidha laga Gibee 1’ffaa jiraatu.
Lagni Gibee Anniisaa Elektiriikaaf hidhamee haroo uumee keessatti qurxummii wali hore kiyyeessuun gabaaf dhiheessanii maallaqa horachaa jiraachuu himan. Dargaggoonni kunneen yeroo ammaa galii birrii miliyoona lamaa argachuu himan.
Hidha laga kanaatti qurxummii sanyii fooyyee horsiisuun Dargaggoota hedduuf ittiin carraa hojii uumuun hawaasa naannoof nyaata piurootiiniin badhaadhe dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjira Carraa Hojii Umuufi Ogummaa Godina Jimmaa beeksiseera. Lalisaa Geetaachoon











