Tapha Geengoo yokiin Gingillee ijoolleen taphattu beektuu?

Date:

Ijoolleen yeroo Gannaa toora keessanitti tapha aadaa akkamii taphatu?

Geengoo yokiin Gingilleen tapha ijoolleen Ganna irree ittiin jabeeffattuufi diina jalaa figdee bahuuf ittiin shaakaltu dha.
Ganna wayita samiin duumessaa’ee, bokkaan walitti fufinsaan roobu, laggeen guutanii bishaan ce’a dhowwatu taphatama.

Waqtii Gannaa dhoqqeen jilba gahee deemsa nama dhowwa, qorri isaa halkaniifi guyyaa nama waxala, ibiddi manneen citaa keessatti boba’ee aara finiinsus alaalaa yeroo argan nama dharraasisa. Ta’us ijoolleefi fuulli hin dhaamottu akkuma jedhamu yeroo boqonnaasaanii ta’uusaarraan kan ka’e hawwiidhaan waan eeggataniif gingillee burraaqanii taphatu.

 Ijoolleen godoo midhaksanii boqqolloo geemmootti tooraan hirkisanii xas gochaas midhaan eegu.
 Wayita asheeta quufanis dirreetti yaa’anii bashaadu/burraaqu.
Geengoon yokiin gingilleen tapha seera mataa isaa qabu yoo ta’u, garee lamatti qoodamuun galgala galgala ijoolleetu walitti dhufee taphata.
Tapha kana irrattis hundinuu akkaataa umurii isaatti hirmaachuu kan danda’u yoo ta’u gareen tokko yoo xiqqaate hanga nama shanii qabaachuu danda’a.

Tapha geengoo keessatti wayita ulee darbatan miidhaan akka hin geenyee of eeggannoo cimaatu godhama.
 Garee faallaa mo’achuufi qabxii gaarii lakkoofsisuuf cimanii taphachuus ta’e ulee fageessanii darbachuu gaafata.
Taphani kun Ordoofi Sheentee jedhamuun kan beekamu yoo ta’u qabxii baay’ee lakkoofsisuuf sheenteen filatamaa dha.
Oromoon ijoolleesaa Ganna Geengoo ykn Gingillee taphachiisee qaama cimsa, darbatee waraanee fiigee diina jalaa akka bahuuf shaakalchiisa.
 Ammas ijoolleen yeroo Gannaa geengoo akka taphataniif abbootiin gorsaa jiru;ijoolleenis dirreetti yaa’anii gareen taphachaa qorra ofirraa dhowwaa jiraachuu himan.
Bafiqaaduu Mokonniniin.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...