Foollee (Rubboo)’n Gadaa Birmajjii sirna gurmaa’isa caasaa ijaarrate.

Date:

Miseensi Gadaa karrayyuu Rubboo yokaan Foolleen Gadaa Birmajjii Aanaa Fantaallee Ardaa jilaa Dhaddacha Ballaatti sirna gurmaa’isa caasaa ijaarrate.


Sirni caasaa Gadoomaa ijaarrachuu kunis Qe’ee Bokkuu qubachuun mijuu eebbifatanii korma jiksuun eegala.

Rubboon jila Robbummaa waggaa 8 geggeessee xumuraa jira.
 Rubboon kan waggaa afurtama abbootiin isaanii geggeessan dhaqqabachuun gammachuu itti dhagahame ibsatu.

Jilli Rubboon geggeessu kunis Bokkuun hogganama.

Miseensi isaanii bakka lamatti qoodamuun foon looniifi aannan dhugaa jila isaanii Baatii tokkoof itti fufiinsaan raawwatu.

Rubboon foon sangaa qalamee malee miya garaa keessaa kan akka tiruu, kalee, garaachaafi kanneen biroo hin sooratan.
Maaliif jennaan warri sirna walii ijaaru garaa wal hin nyaatu, tokkummaasaa cimsata waan ta’eefi jedhan, Abbaan Sabbataa yokaan Itti Aanaan Bokkuu Gadaa Karrayyuu Roobaa Boruu.

Rubboon jila Rubbomaa yoo raawwatan foon Re’eefi Gaalaas ta’e aanaan isaaniis hin sooratan.
Sirna Bulchiisa Gadaa barataa waan jiraniif akka Qaalluutti ilaalamus jedhan.
Jila kanaan Gadaa jiituu nuuf godhi jedhanii roobaafi nagaa waaqa kadhatu.
Magarsaa Kabbadaatiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...