Madda Oksijiinii sirna hargansuu lubbu qabeeyyii biyyaa keessaa harka olaanaa kan qabu bosona dachee Oromiyaarratti argamudha.
Qabeenya bosonaa Itiyoophiyaan qabdu keessaas harki 51 Oromiyaa keessatti argama ragaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaarraa Argameen.
Kanaafis duudhaan kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaaf Oromoon qabu gumaacheera.
Oromiyaan bosona lafa heektaara miiliyoona 4 ol irraa qabdi.
Kana keessaas harki 90 bosona uumamaati ragaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaarraa argameen.
Hojii biqiltuu dhaabuu, lafa bosonaa ture daangeessuun kunuunsuu bara 2011 irraa eegalee raawwatameenis uwwisni bosonaa Oromiyaa harka 17 irraa gara harka 26.7’tti guddateera akka ragaa Abbaa Taayitaa eegumsa Naannoo Oromiyaatti
Akka ragaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaarraa argameetti bara 2017 keessatti qofa Oromiyaan bosonaafi bu’aa bosonaarraa birrii biiliyoona 1fi miiliyoona 500 argatteetti.
Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun bu’aa olaanaa qabaachuusaafis kun agarsiiftuudha.









