Shaampiyoonaa Atileetiksii guddattoota Afrikaa Naayijeeriyaa Abukutaatti dorgomamaa jiruun Abbaa Murtee Internaashinaalaa ta`uun Itiyoophiyaarra kan filatame Inistiraaktar Saamu`eel Birhaanuu Maqaa Biyyasaa Oogummasaan ol kaasaa jira.
Inistiraaktar Saamu`eel Birhaanuu Waggoota 15 darban Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti Oogummaa isaan tajaajileera.
Naannoo Oromiyaa Magaalaa Wolisoottii kan dhalate inistiraaktar Saamu`eel Biraanuu Olompiikii Paaris 2024 irratti hirmaachuun biyyasaa gargaareera.
Yeroo ammaa Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaatti Daayireektara Inistitiyuutii Qorannoo fi qo`annoo ta`uun tajaajilaa jira.
Inistiraaktar Saamu`eel Abbaa Murtee Intarnaashinaalaa Itiyoophiyaa jalqabaa Atileetiksiin Sadarkaa Silver Lebel qabuudha.
Kana dura tapha guutuu Afrikaa Morokoo Raabaatitti, Shaampiyoonaa Afrikaa Naayijeeriyaa Asabaatti ,Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Taanzaaniyaa fi Zaambiyaatti qophaa`an irratti Abbaa Murtee Intarnaashinaalaa ta`uun gahumsa olaanaan tajaajileera.
Inistiraaktar Saamu`eel Biraanuu Yuuniversiitii Finfinneetti Digirii 1ffaa fi 2ffaan Leenjisummaa Atileetiksii fudhateera.
Leenjii Leenjisummaa Atileetiksii Sadarkaa 2ffaafi Maaraatoonii Kooriyaa Deeguutti leenji`eera.
Murteessummaa Atileetiksii Intarnaashinaalaa sadarkaa 2ffaas (silver Level) Daakaaritti fudhateera.
bara 2012 Barsiisummaa Leenjistoota Atileetiksii Keeniyaa Naayiroobiitti fudhateera.
Bara 2018 Kooriyaa Deeguutti kan fudhate booda barsiisaa Atileetiksii Addunyaa (International Lecture) ta`eera.
Leenjii Atileetiksii daa`immanii (kids athletics lead) Keeniyaa Naayiroobitti fudhateera.
Yuunivarsiitiiwwaan gara garaa keessatti barsiisummaa Saayinsii Ispoortiin tajaajileera.
Yeroo ammaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Guddattoota Afrikaa Naayijeeriyaatti dorgomamaa jiruun Abbaa murtee Internaashinaalaa Itiyoophiyaa Jalqabaa ta`uun tajaajilaa jira.
maddeen gara garaa wabeeffachuun Dassaalenyi Sirnaatu qindeesse.







