Home Articles Ogeessa Atileetiksii Maqaa Itiyoophiyaa fiigichaan ol baasee muli’saa jiru inistiraaktar Saamueel Biraanuu...

Ogeessa Atileetiksii Maqaa Itiyoophiyaa fiigichaan ol baasee muli’saa jiru inistiraaktar Saamueel Biraanuu eenyu?

0

Shaampiyoonaa Atileetiksii guddattoota Afrikaa Naayijeeriyaa Abukutaatti dorgomamaa jiruun Abbaa Murtee Internaashinaalaa ta`uun Itiyoophiyaarra kan filatame Inistiraaktar Saamu`eel Birhaanuu Maqaa Biyyasaa Oogummasaan ol kaasaa jira.

Inistiraaktar Saamu`eel Birhaanuu Waggoota 15 darban Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti Oogummaa isaan tajaajileera.

Naannoo Oromiyaa Magaalaa Wolisoottii kan dhalate inistiraaktar Saamu`eel Biraanuu Olompiikii Paaris 2024 irratti hirmaachuun biyyasaa gargaareera.

Yeroo ammaa Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaatti Daayireektara Inistitiyuutii Qorannoo fi qo`annoo ta`uun tajaajilaa jira.

Inistiraaktar Saamu`eel Abbaa Murtee Intarnaashinaalaa Itiyoophiyaa jalqabaa Atileetiksiin Sadarkaa Silver Lebel qabuudha.

Kana dura tapha guutuu Afrikaa Morokoo Raabaatitti, Shaampiyoonaa Afrikaa Naayijeeriyaa Asabaatti ,Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Taanzaaniyaa fi Zaambiyaatti qophaa`an irratti Abbaa Murtee Intarnaashinaalaa ta`uun gahumsa olaanaan tajaajileera.

Inistiraaktar Saamu`eel Biraanuu Yuuniversiitii Finfinneetti Digirii 1ffaa fi 2ffaan Leenjisummaa Atileetiksii fudhateera.

Leenjii Leenjisummaa Atileetiksii Sadarkaa 2ffaafi Maaraatoonii Kooriyaa Deeguutti leenji`eera.

Murteessummaa Atileetiksii Intarnaashinaalaa sadarkaa 2ffaas (silver Level) Daakaaritti fudhateera.

bara 2012 Barsiisummaa Leenjistoota Atileetiksii Keeniyaa Naayiroobiitti fudhateera.

Bara 2018 Kooriyaa Deeguutti kan fudhate booda barsiisaa Atileetiksii Addunyaa (International Lecture) ta`eera.

Leenjii Atileetiksii daa`immanii (kids athletics lead) Keeniyaa Naayiroobitti fudhateera.

Yuunivarsiitiiwwaan gara garaa keessatti barsiisummaa Saayinsii Ispoortiin tajaajileera.

Yeroo ammaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Guddattoota Afrikaa Naayijeeriyaatti dorgomamaa jiruun Abbaa murtee Internaashinaalaa Itiyoophiyaa Jalqabaa ta`uun tajaajilaa jira.

maddeen gara garaa wabeeffachuun Dassaalenyi Sirnaatu qindeesse.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version