‘Ashaaraan magariisaa alaa mana naaf guute.’Qonnaan Bulaa Imaam Alamuu.

Date:

Misoomni ashaaraa magariisaa lafa hone magarsuun maaddii naaf guutee, dinagdeekoos gabbisaa jira jedha Qonnaan Bulaa Imaam Alamuu.

Qonnaan Bulaa Imaam Alamuu, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachoo Ganda Bakkeetti misooma ashaaraa magariisaa hojjechuun milkaa’aa jiru.

‎Lafti qonnaa qaban lolaadhaan garmalee dhiqamuun, oomisha kennuu dhaabe. Isaanis lafa isaanii yaaluuf fala barbadaa turan.

‎Yaadamni Ministira Muummee Abiyyi Ahmad(PhD) misooma ashaaraa magariisaa labsanimmoo lafa obbo Imaam dhiqameef abdii ta’e.

Obbo Imaamia lafa marga biqilchuu diderratti daagaa hojjetanii Bonaafi Ganna itti dhama’uun biqiltuu avookadoo,muuzii,ogiyoofi nyaata beelladaa adeemsaan magarsan.

‎Haalima kanaan lafti obbo Imaam bayyannatee biqiltuun adda addaa sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbates daraaree foolii toluun kanniisas hawwate.Obbo Imaamis itti fufuun misooma dammaas dabalataan eegalan.

‎Hojiin misooma sululaafi ashaaraa magariisaa qe’ee obbo Imaamitti wal-hunatee hojjetames firii muduraalee finiinsuun dammis miseera.Obbo Imaam ‎yeroo ammaa waggaatti galii hanga birrii kuma dhibba 1 argachuun diinagdeen isaanii dabalaa akka jiru ‘OBN Cyber Media’tti himan. Befiqaaduu Mokonnin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...