Bosona Dhagaa

Date:

Mukkeen toora tokkotti yabbatanii gaafa margan Bosona jedhamanii waamamu.
Dhagaan walitti heddummatee lafa yoo dhuunfatehoo isin biratti maal jedhama?
 

Qabiyyeensaa daangaa Sirrii Galaanaarraa  meetira 4,377 keessatti argama.

Iddoon argamasaa lafa Oromiyaa samiitti ol siqee jirudha.

Hawaasa naannoosaanis Bosona Raafuu jedhamee waamama
 
Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee dhagaa kattaa kan biqiltuun ol dheeratu hoomtuu keessatti hin margine, daandiirraa fagaachuusaarraan kan ka’emmoo warri daawwachuu fedhus taanaan salphaatti kan itti hin darbine Bosona Dhagaa Raafuu jedhamee waamamus qaba.

Iddoon kun bobboca dhagaa ogeeyyiin arkiteekcharii yeroo fudhatanii itti dhama’uun teekinoloojii ammayyaan soofanii akka daawwatamuuf mijeessan fakkaatus Bosona Dhagaa Raafuu kuuluu keessatti ogummaan namaa dabalame tokkollee hin jiru.
 Uumaadhuma samii utubaa malee dhaabuun hurrii geejjiba malee deemsisutu walmaddii tarreessee, isa kaanis akka nama mararutti gurmeessee uume.

Bosonni dhagaa Raafuu kun dhala namaa dabalatee da’oo lubbu-qabeeyyii garaagaraa ta’uusaa mallattooleen akeekan jiru. Baratu barootaaf dabarsee har’aan ga’e.

 Amma daandiin geejjibaa garasitti geessus akka hojjetamuuf xiyyeeffannaa argateeta.  
Paarkiiwwan Gaarreen Baalee  qabeenya uumamaa lubbu qabeeyyiifi mleeyyii kumaatama qabaatus Bosonni Harannaa, Bosonni Dhagaa Raafuufi kattaawwan akka waan namni bocee tarreesseetti mul’atan akkasumas Bosona bishaanii  kuusaa Bishaan garaagaraa ta’uun waa hunda of keessatti hammachuun warra daawwachuu dhaqu simata.


Dhagaa kuulamaafi walirra tuulamaan torra names ta’e kuta kutataan qalbii namaa hawwatu akkasii yokiin uumamni nama raajeffachiisu toora keessan jiru maali? Boca uumamaa Bosona Dhagaa Raafuu kanahoo akkamiin ibsitu laata? Waaqgaarii Qana’aan

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...