“Qaroo ijaa dhabus sammuunkoo qaramaadha”Shiibirree Kabbadaa

Date:

Qaroon keessaa qaramnaan qaroo ijaa dhabuun mul’ata ofiirraa nama hin danqu jette shamarree Shiibirree Kabbadaa.

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee kutaa Bulchiinsa Dargeetti kan dhalatte Shiibirreen Kutaa 1 hanga 8 Mana Barnootaa Bakkejamaatti baratte.

Shamarreen kun hanga kutaa 7’tti dhibee kan hin beekne taatus, gaaf tokko garuu akkuma tasaa sammuufi ijashee keessa garmalee ciniinuun yaalamuu  jalqabde.

Dhibeen sun itti fooyya’uu waan dideef rifeeriidhaan gara Finfinnee deemtee carallaa(carariidhaan) yaalamaa  osoo jirtuu leensiin ijaa yokiin agartuunshee  miidhamuun  arguu dadhabaa deemuus himte.

Dhukkubbiin keessaas itti hammaachuurraan kan ka’e maatiin gara namoota qoricha aadaa beeku jedhamaniitti geessanis falli hin argamne.  Rakkinuma sana keessatti Kutaa 8ffaa qoramtee dabartus, qaroo ishee garuu guutuummaatti dhabde. 

Ifni aduu itti dukkanaa’us mul’annishee akka hin dukkanoofneef maatiifi firoottanshee tumsuun Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qaro-dhabeeyyii Biiftuu Naqamtee galtee Kutaa 9 hanga 12tti akka barattu jajjabeessan.

Shiibirreenis gara citanitti citaa guuru jechuun qormaata adeemsa keessa ishee mudate dandamataa miira xiiqiin barnootashee itti fufte.

 Shamarreen kun yeroo ammaa Kollejjii Barnootaa Barsiisotaa Naqamteetti Muummee Safuutiin waggaa 1ffaa barataa jirti.

Qaroo dhabuun sammuu dhabuu miti kan jettu Shiibirreen, barattee akkuma hiriyootashee  mul’ata qabdu  dhugoomsuuf kutannoon tattaafataa jiraachuu OBN’tti himte.
 
Qaroon ijaa dhibus sammuun namaa qaramnaan mul’ata ofii bira ga’uun ni danda’ama kan jettu shamarreen kun, namoonni agartuu dhabuun dhokatanii jiranis akkuma hiriyoota isaanii baratanii iddoo yaadan ga’uuf  sodaa malee gara addunyaa barnootaatti makamuu qabu; maatiinis ta’e hawaasni naannoos daa’imman qaro-dhabeeyyii utubuu qabu jette. Warraaqaa Yooseefiin.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...