Haroo Haramaayaa irratti tajaajila Geejjibaafi nyaataa kennaa jiruun fayyadama jirra jedhan, Dargaggoonni Magaalaa Maayaa.
Haroon Haramaayaa erga deebi’ee magaalaa Maayaatiif Simboo Miidhaginaa hawaasa naannoofi biyyaaf immoo iddoo Bashannanaa, dargaggoota magaaalaa Maayaatiif ammoo carraa hojii ta’eera.
Dargaggoo Kaalid Alii fi Asadaa Mahaammad dargaggoota Haroo Haramaayaa irratti tajaajila Geejjibaa Bidiruun kennaa jiraaniidha.
Tajaajila kenna jiraniinis bu’aa irraa dhadhamaa akka jiran himan.
Obbo Usmaa’il Mahaammad ammoo waldaan gurmaa’anii qurxummii kiyyeessuun bilcheessanii namoota haroo haramaayaa daawwachuufi yabalaan irra bashannanuu achi dhaqaniif fi hawaasa magaalatiifis dhiyeessa akka jiran keessaati.
Carraa hojii argatan kanaanis diinagdee isaanii utubaa jiraachuu hima.
Dargaggoonni magaalaa Maayaa Waldaalee 15niin gurmaa’anii qarqara haroo Haramaayaatti tajaajila gara garaa kennaa fayyadamaa jiraachuu ragaan Waajjira Carraa hojii uumuufi wabii nyaataa magaalaa Maayaarraa arganneen. Jamaal Ibraahimiin






