Artistii Joorjiyaa dandeettiin kubbaa miilaa isaa lubbuu abbaasaa baraare.
Keeviichaa Kivaaraaskeeliyaa. Akkadaamiin kubbaa miilaa Daayinaamoo Sibiliis bara 2013 iddoo Kiristiyoonoo Ronaaldoon keesssummaa kabajaa ta’uun argametti baname. Keeviichaa Kivaaraaskeeliyaa. Akkadaamiin kubbaa miilaa Daayinaamoo Sibiliis bara 2013 iddoo Kiristiyoonoo Ronaaldoon keesssummaa kabajaa ta’uun argametti baname.
Taphattoonni garee biyyaalessa Joorjiyaaf taphatan 70%, garee umurii 21 gadii 60%, garee biyyaalessa Joorjiyaa umurii 19 gadiif taphatan 67% Akkaadaamii kubbaa miilaa Daayinaamoo Sibiliis keessaa argaman. Keeviichaa Kivaaraskeeliyaanis Akkaadaamii kana keessaa bahe. Maatiin Kivaaraskeeliyaa jireenya mo’achuuf adda bahanii biyyoota lama Jorjiyaafi Azarbaajaan keessa jiraachuuf dirqamanii turan.
Har’a garuu galanni ilmasaanii 2ffaa Kivaaraskeeliyaaf haa ta’uuti jireenya qananii jiraatu.
Taphataa kubbaa miilaa kan ture Abbaan Kivaaraskeeliyaa Badriin Azarbaajaan keessatti kubbaa miilaa leenjisa.
Badriin osoo Azarbaajaan keessatti hojjechaa jiru dhukkuba onnee hamaan qabame.
Ogeessi fayyaa Badriin lubbuun jiraachuuf yaalii baqaqsanii wal’aanuu godhachuun dirqama akka ta’e itti hime, garuu maallaqni ittiin yaallamu hin turre.
Yeroos Keeviichaan reefu umuriin isaa 18 guutee kubbaa miilaa Piroofeeshinaalummaan taphachuu eegale.
Joorjiyaa keessaa bahee deemuuf fedhii kan hin qabne Keeviichaa Kivaaraskeeliyaan lubbuu abbaa isaa baraaruuf kilaba Rustaavii jedhamu gadhiisee ergisaan kilaba Raashiyaa Lokomootiv Mooskoof mallatteesse.
Mindaan isaa dabalameefi Lokomootiv Mooskoof waan mallatteesseef maallaqni achitti argatus yaalii abbasaaf gahee lubbuusaa baraarrate. “Kivaaraskeeliyaan gaafii tokko malee mindaasaa jalqabaa hunda nuuf kenne.” Abbaasaa Badrii.
“Ijoolummaasaatti yeroo miilaan deemuu jalqabu kubbaa qabatee deema, Yeroo rafu kubbaa hammatee rafa.
Mandara keenya keessa dirreen cirrachaa xixiqqoon baay’eetu ture. Galgala galgala isa barbaaduuf dirree taphaa sana hundarraa osuman jooruu meetira dhibbaan lakkaawamun fagaadhee deema.
Inni ijoolummaasaarraa kaasee bashannanaaf kubbaa taphatee hin beeku, yoo kubbaan irraa fudhatame gareesaatti gooliin akka hin galle fiigee duubatti deebi’ee ittisa.”
Harmeesaa Makkaa. Daayinaamoo Sibiliis, Rustaavii, Lokomootiv Mooskoo, Ruubin Kaazaaniifi Daayinaamoo Baatuumiif taphachuun bara 2022 Neeppilsi kan gahe Keeviichaa Kivaaraskeeliyaan, Naappooliis waggoota 33 booda shaampiyoonii Itaalii gochuun abjuu warra Neeppilsi bara dheeraa milkeesse.
Warri Neeppilsis dandeettii kubbaa miilaa inni qabuufi taphataa kana dura seenaa isaanii jijjiiree jaalalaan onneesaanii booji’uun hanga Istaadiyeemiisaanii maqaa isaan moggaasisuutti kan gahe Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaan wal fakkeessuuf maqaa masoo “Kvardonaa” jedhu baasaniif.
Biyyasaa Jorjiyaa waancaa Awurooppaa bara 2024’f dabarsuun byyattiin seenaashee keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii guddaarratti akka hirmaatu gochuun onnee abbaasaa qofa osoo hin taane, lammilee Jorjiyaas garaa gaheera. Amajjii darbe Yuuroo Miiliyoona 75’niin Paaris kan gahe Keeviichaa
Kivaaraskeeliyaan, taphattoota ciccimoo warri Paaris doolara biiliyoonotaan lakkaawwamu, boba’aa warra Kaataar irraa argatan itti dhangalaasanii hawwii malee bira gahuu dadhaban waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argamsiisuun hoji manee guddaa isa eeggatuudha.
Sana milkeessufis sambata dhufu tapha daqiiqaa 90 PSG’n Intar Miilaan waliin taphatu injifachuu qofti gahaadha. Qorumsi Muunikitti isa eeggatu garuu salphaa miti.
Sambata galgala Abbaan Keeviichaa Badriifi haati Keevichaa Makkaan tapha xumuraa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa yeroo ilmisaanii 2ffaan warra Paarisiif taphatu Muunik Aliyaanzi Areenaatti teessoo kabajaarraa taa’un ni daawwatu. Girmaa Bayyanaatiin.








