‘Hidhi haaromsaa humna murteessummaa Itiyoophiyaan addunyaarratti qabdu cimsaa jira.’ Dr.Injinar Habtaamuu Ittafaa.

Date:

Hidhi haaromsaa, walii galteewwan idil-addunyaarratti Itiyoophiyaan dhageettii akka gonfattuuf gumaache jedhan, Ministirri Bishaaniifi inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa.

Misoomni humna anniisaa haareffamu kun madda ifaa ta’uurra darbuun, sadarkaa naannawaafi addunyaatti fulla’ee dhiibbaa uumuu, gochaawwaniifi hojiiwwan biroon addunyaarratti michummaaf barbaadamuufi sodaatamuu dabalatee akkuma biyyoonni boba’aa qaban dinagdee addunyaa ofitti yaasan ta’uuf akka gargaarutu himama.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaas Itiyoophiyaan hidha madda Anniisaa isheerra darbee addunyaafuu eebba ta’e hojjettee agarsiifteetti jedhan.

Annisaan hidha haaromsaarraa argamus kan naannoo hin faalle waan ta’eef hojii dhaabbanni biyyoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa qolachuuf raawwatu akka tumsu eeran.

Humna anniisaa maddisiisu babal’isuun Warshaaleen akka babal’ataniifi humna guutuun akka hojjetanis ni gargaara jedhan Dr.Injiinar Habtaamuun.

Kunimmoo Itiyoophiyaa humna dargaggoo hedduu qabduuf carraa hojii walgitu uumuu akka utubu dubbatan.

Maddi anniisaa hidhicharraa argamus miiltoowwan isaa waliin ta’uun sarara humna elektiriikaa biyyaalessaatti makamuun biyyoota ollaaf ergamee sharafa guddaa biyyattiif galchaa jira.

Kanaaf hidhichi Itiyoophiyaaf madda dinagdee olaanaafi humna ittiin tarree biyyoota dhiibbaa geessisanii keessa akka galtu gochuun addunyaafis fakkeenya maddeen anniisaa haaromfamanii ta’uun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachiisuuf tumsa jedhan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...