OBN Cyber Media Bitootessa 11,2017-Finfinneetti namichi mana jireenyaa namaa dallaarraan utaalee seenuun konkolaataarraa Ispookiyoo hate mana hidhaa bu’e.
Himatamaan Habtaamuu Kabbadaa jedhamu hiriyyaasaa waliin ta’uun Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 8’tti halkan sa’aatii 8 irratti yakka hannaa raawwachuutu ibsame.
Himatamtoonni lama ta’uun Konkolaataa Korollaa mooraa mana jireenyaa keessa dhaabbatterraa Ispookiyoo gatiin isaa Birrii kuma dhibba 1fi kuma 50 ta’u hatanii miliquuf osoo yaalanii poolisiin Finfinnee himatamaa Habtaamuu Kabbadaa jedhamu kan to’ate yoo ta’u, miiltoonsaammoo miliquutu ibsame.
Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa Dhaddacha Yakkaa Mannaagashaa ramaddii 2ffaa ragaa ilaaluun himatamaa Habtaamuu Kabbadaa hidhaa waggaa jahaafi walakkaan adabeeraKan lafaa fuudhaatti kan ukaa buufti jechuun kan akkanaati mitiiree!Poolisii Finfinneerraa odeeffanne.





