Miidhaa daa’immaniifi dubartootaarra gahu ittisuuf hunduu gaheesaa bahuu qaba jedhame

Date:

OBN Cyber Media Guraandhala 03,2017-Miidhaa dubartootaafi daa’immanirra gahaa jiru maqsuuf miseensota paarlaamaafi Caffee waliin mariin taa’ame. Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Maabiraat Baacaa miidhaa daa’immaniifi dubartootaarraatti hammaataa jiru dhaabsisuuf murteen namoota daa’immaniifi dubartootaarra miidhaa geessisannitti murteeffamu barsiisaa akka ta’uuf qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ni hojjenna jedhan.

Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahamaan dubartoonni biyya ijaaruu keessatti warra gahee isaanii bahatanidha. Kanaaf miidha daa’immanii fi dubartootaarra gahu ittisuuf namni hunduu gaheesaa bahuu qaba jedhan. Af yaa’ii itti aantuun mana maree bakka bu’oota Aadde Loomii Badhoo Oromoon saba aadaa fi duudhaa ittiin mirga daa’immanii fi dubartootaa eegu osoo qabu mirgi dubartootaa sarbamuu hin qabu jedhan. Iftuu Mulaatuu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Misooma Ashaaraa Magariisaa; Dinagdee Magariisaa ijaaruuf bu’uura kaa’e!

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 18,2018 Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Riqicha Kaleessaafi...

“Waldhabdee Siyaasaa furuuf Mariin Biyaalessaa Murteessaadha.”Barsiisaa Darajjee Xilaahun.

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 18,2018 Fedhii aangoofi seenessi dogongoraa kanaan...

“Ajandaawwan biyyaalessaa, adeemsa hunda hammataafi hirmaachisaa ta’een adda ba’eera.”- Pirofeesar Masfin Aar’aayaa

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 ​ Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa...