
Pirezidaantiin 47ffaa Ameerikaa Doolaand .J.Tiraampi, har’a sirna kakuu raawwachuun si’a 2ffaaf Masaraa Mootummaa Ameerikaa ‘Whitehouse’ galan.
OBN Cyber Media, Amajjii 12,2017-Doonaaldi Tiraampi waggoota 4’n dura Pirezidaantii 45ffaa biyyattii ta’uun tajaajilaa turan.
Ameerikaatti namni tokko Pirezidaantummaan biyya gaggeessuuf waggoota saddeet qofa akka bulchu seeraan daanga’aadha.
Sanuu filannoo waggoota afur afuriin gaggeeffamu yoo injifatedha.
Garuummoo bara Pirezidaantummaa waggoota afurii xumuree isa ittaanutti milkaa’uu yoo baate dorgommii filannoo isa biraan dorgomee yoo carraa filatamuu argate mirga waggoota 4 bulchuus qaba.
Pirezidaanti Tiraampiinis carraa kun qaqqabeeraani.
Seenaa biyyattii keessattis ta’iin utuu walitti aansanii waggoota saddeet hin bulchiin gidduutti namni biroon biyyattii gaggeessee itti deebi’uun kan lammataati.
Ameerikaatti seenaan kanaan wal fakkaatu ALA bara 1892 Pirezidaanti Giroover Kileevlaandiin raawwatameera.
Namni kunis Pirezidaantii biyyattii 22ffaafi 24ffaa ta’uun tajaajilaniiru.
Pirezidaanti Tiraampi seenaa Pirezidaantummaa biyyattii keessatti immoo nama tajaajila raayyaa ittisaas ta’e Waajjira utuu hin kenniin aangoo Pirezidaantii qabatan ta’uun seenaa mataasaanii galmeessaniiru.
Doonaald Tiraampi ALA bara 1946 Ameerikaa, Magaalaa ‘Newyork’tti dhalatan.yeroo ammaas umriin isaanii waggaa 78.
Tiraampi obbolootasaanii shan keessaa maatiisaaniif ilma 4ffaa yoo ta’an obboloota dhiiraafi dubaraa lama lama qabus turan.
Yeroo ammaa garuu Tiraampiifi obbolleettisaanii 1 qofatu lubbuun jira.
Namni kun dhoksaan utuu hin taane ifatti dhaadannoo ‘Make American Great Again’ waa hunda gama maraan fedhiifi faayidaa biyyasaaniifi hariiiroon biyyisaanii biyyoota biroo waliin qabdullee kana kan bu’uureffatedha.
Guyyaa har’aa marsaa 2ffaaf wayita baallii Pirezidaantummaa fudhachuun waadaa galanis; maqaa deeggarsaafi gareen qabeenyi biyyasaanii qisaasamu akka hin jirre.
Bara Pirezidaantummaasaanii kana keessa korniyaan Dhalaafi Dhiira malee akka hin jirre jala muranii beeksisaniiru
Qaala’insa gatii biyyasaanii qoraa jiru akka sirreessan.
Qaala’insa gatii boba’aa furuuf ‘kuufama albuuda boba’aa biyyattiin biyya kamuu caalaa qabdu ariitiin qotanii baasuun itti fayyadamuu’.
Konkolaattota elektiriikiin hojjetan baay’inaan hojiirra oolchuu.
Ameerikaa addunyaarratti sodaatamteefi kabajamte akkasumas waa hundaan dursummaashee akka itti fuftu cimanii akka hojjetanis waadaasaaniin mirkaneessaniiru.
Kana malees Bo’oo Paanamaa baasuuf lammileen biyyattii kitilli itti dhuman , yeroo ammaa ‘bo’oo Chaayinaa’ ta’e jedhanii qeeqan hanga maqaasaa bo’oo Ameerikaa godhanitti, faayidaa achiirraa argamus biyyasaaniif oolchuuf kutannoo qaban waadaa galaniin mirkaneessaniiru.
Bo’oon Paanamaa #panamacanal ALA bara 1914 jalqaba waraana Addunyaa 1ffaatti xumuramuun hojiitti gale.
Ijaarsa isaafis yeroo sanatti $ miiliyoonni 500 hojiirra ooleera.
Maallaqani yeroo sana bahe kunis gatii Doolaaraa bara 2023’n $ biiliyoona 15fi miiliyoona 200 ta’a.
Bo’oon Paanamaa sarara doonii ykn imala bishaanirraa nam-tolchee yoo ta’u Kiilomeetira 82 dheerata.
Innis qaamota bishaanii, Galaana Karibiyaaniifi Garba guddaa Paasfikiin kan wal quunnamsiisedha.
Bo’oon paanamaa kun bara bulchiinsa Pirezidaantii Ameerikaa ‘Theodore Roosevelt’ xumura argachuun galma karooraa biyyattii kan milkeessedha.
Xumuramuu bo’oo kanaanis meeshaaleen saffisaafi gatii bishaan qarqara garboota Atilaatikiifi Paasfikitti akka dhihaataniif karra baneera.
Bo’oon kun baasii USA’n hojjetamus maqaansaa Bo’oo Paanamaa jedhamee mogga’ee jaarraa 1fi nuusaa ittiin waamamaa jira.
Pirezidaantiin Ameerikaa filannoon marsaa 2ffaaf whitehouse kaleessa seena Doonaaldi.J. Tiraampi Bo’oo maallaqa biyyasaaniin hojjetame kana Paanamaarraa gara American canal [Bo’oo Ameerikaatttan’ jijjiira jedhanii kan isaan karoorfatan. Foxnews fi Rooyitarsiin wabeeffanne.






