
OBN Cyber Media Amajjii 13,2017-Daa’imni xobbeen kun akkamitti dizzaayinara ta’e laata? Daa’imni garaa harrii, kichuutti waan addunyaa raajeffachiise hojjete kun lammii Ameerikaati. Mucaan waan mishaafi badaayyu adda hin baafne argannaaan nyaachuu, dhuguu, taphachuufi barachuu malee taatee addaa hojjechuun waanuma ajab nama jechisiisu hojjete kun maali dhiiroo?
Beekumsa isaa kamiin sammuun isaatu bilchina maal qaba daa’ima miti jechuu dandeessu. Garuu inni akkasi miti; dhalootumaan qaxalee daa’imaati.
Maqaa isaa Max Alexander jedhama; reefu waggaa 7. daa’imummaa isaatti waa tuttuqee ofii isaati barachuu jalqabe.Waggaa afuriirraa eegalee dizzaayinii uffataa tuttuquu eegale. Ajaa’iba bar daa’ima waggaa 4 kan deeggarsa maatii malee homaa gochuu hin dandeenyetu dizzaayina jalqabe.
Alexander mucummaadhuma isaatti maal gochuu akka barbaadu dursee akeeka, maaltu akka isa baasu maal yoo hojjate beekamtis akka argatu ittuma yaadee dizzaayinara ta’uu filachuu hime. Max Alexander daa’imummaa isaatiin sammuu cimaa yaada nama guddaa keessa kaaye, biddeena nama quubsu eeleerratti beeku jedhamaamiree! Dizzaayinaan baay’ee muldhachuu barbaada waan tokko hin sodaadhu ni yaala jedhe daa’imni kun.
Haati Alexander Sherri Madison,aartii keessatti hiraamattee hojjatti nama cimtuudha waan baay’ee namoota beekamtii qaban irraa barachuuf dhaamati.
Mucaa isiis dandeetti kana isimarraa waan dhaale fakkata. Daa’ima isii kanas fedha inni qabu ganama galgalaa ani dizzaayinara uffataa ta’uu barbaada jedhee yoo inni hirriba isii dhoorku mee haa baratu erga hawwii qabaatee jettee namoota uffata faashinaa hojjatan bira geesite; akka inni shaakalu gochuun hawwii dhalashee milkeessuun, xurree beekamtii saaqxeef. Innis adeemsa keessa namoota uffata faashina dizzaayina itti hojjatan kana ilaala shaakala, inumayyuu isaan caaluu eegale.
Uffanni inni hojjate ajaa’ibuma amanuufuu nama rakkisa sila daa’imumaa kanatu kana hojjatee hanga jedhamu takkatti. Haati isaas dinqisifattee uffata faashina dizzaayinni garaagaraa itti gochuun inni miidhakse kana maaliif hin muldhifnee jettee karaa miidiyaa hawaasumma qoodeef. Achii booda ilmi isii kunis dinqisiiftoota hedduu horate. Namoonni hedduun achirraa ilaalaa bakka inni itti hojjatu dhaquun ajajuu eegalan, achuma keessa maamilas horataa dhufe mucaa xiqqaan kun.
Abbaan mana jiraa gurrii ala jira akkuma jedhamu sana oduun mucaa kana addunyatti facaate. Alexander Agarsiisni faashina uffataa qophaa’e irratti dizzaayina uffataa isaa qabatee hirmaate.
Hojiin isaa ajab jedhame. Daa’imni waggaa 7 sanu xiqqishuun kun yoo ilaallan amananii naaf hojjadhu hin jennentu dizzaayinara cimaa jedhamuun, kun dubbii aagaati jedhee galmeen dinqisiisoo addunyaa beekamtii kenneef. Yeroo kana daa’imni kun caalaatti gammade hamilees horate, galmee dinqisiisoo addunyaa irraa beekamtii argachuun anaaf waan guddaa jedhe abboo.
Ammas nan hojjadha muldhani kiyya fagoo jedhe Max Alexander.Beekaan ganuma dhalata jechuun kan akkasiiti mitiiree, ammas kana caalaa ulaawwan milkaainakeetii dugda lukkuu siif haata’u jechuu malee maal jedhuree.Marsariitii Galmee Dinqisiisoo Addunyaa wabeeffachuun kan qindeesse Madiinaa Daddafooti.





