“Rakkoo raabsaafi gurgurtaa Boba’aa irratti mudachaa jiru furuuf mootummaan tarkaanfii fudhachaa jira”- Biiroo Daldalaa Oromiyaa

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 06,2017-Rakkoo raabsaafi gurgurtaa Boba’aa irratti mul’atu furuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu hooggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa ibsaniiru.

Mootummaan misooma dinagdee biyya keenyaaf dhiheessiin boba’aa murteessaa ta’uu hubachuun qaalayiinsa gatii idil-addunyaawaa ta’e hordofee olka’iinsa gatii mudachaa jiru damdamachiisuuf deeggarsa maallaqaa taasisuun alaa galchaa kan tureefi jiru ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, sharafa biyya alaa irraa argaturraa baasii guddaa boba’aadhaaf ramaduun sochii bal’aa taasisaa turuu himuun, boba’aa biyya alaatii galu dhiyeessitoonni, raabsitoonniifi fayyadamtoonni tokko tokko bifa qusannaafi itti gaafatamummaa qabuun

fayyadamuurra, fedhii dhuunfaa isaanii dursuun qisaasuu, lammileetti gatii dabaluu, dhoksuufi dinagdee danquuf gochaaleen taasifamaa jiru dhimma hatattamaan sirrachuu qabu ta’uu himaniiru.

Rakkooleen akka naannoo keenyaatti rabsaafi fayyadama boba’aa irratti mudachaa turaniifi jiran qamolii qaxxaamuraan duroomuuf yakka irratti bobba’aniin raawwatamaa jiraachuu aadde Masarat dubbataniiru.

Qorannoo jiruun abbootiin qabeenyaa tokko tokko Kontiroobaandiif haala mijeeffachuun haga biyya alaatti baasuuf yaaluu, Aanaalee raabsa boba’aa hin qabnee sababefachuun karaa seeraan alaatiin qaamota eeyyama hin qabnetti gurguruu, Konkolaatoonni tokko tokko saalbaatiyoo dabalataa uummachuun waraabanii warra liitiraan bakkeetti daldalanitti kan kennan ta’uus eeraniiru.

Gama biraan dhaabbileen raabsa boba’aa akkaataa qajeelfamaatiin hanga wal harkaa fuudhiinsa boba’aa taasisan irratti iftoominni dhabamuufi baajajii keessa Jaarkaanii dhiksuun waraabuun karaa haqa hin qabneen gurguruufi Konkolaataan tokkoo iddoo adda addaatii deddebi’ee waraabuun hawaasa osoo hin tajaajille tajaajila hin malleef dabarsuun kan mul’atu tahuu eeraniiru.

Kana malees, Kenna tajaajila bittaafi gurgurtaa karaa diijitaalaa ta’uu osoo qabuu kaffaltii harkaafi harkaatiin gurguruun jiraachuun qorannoo geggeeffameen bira ga’amuus himaniiru.

Baatii jahan darbe to’annoofi hordoffii godhameen beenzinaafi naafxaa litira 329,880 tilmaama qarshii 33,318,688 karaa seeraan alaatiin dabarfamaa ture kan dhaalame tahuu kan himan Aadde Masarat Abbootii qabeenyaa raabsaa boba’aa seeraan alaa irratti hirmaataniifi namoota, ogeessotaafi hoggansa daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa fudhatamuu himaniiru.

Uummannis qaamota yakka kana irratti hirmaatan saaxiluu akka qaban kan ibsan Aadde Masarat caasaaleen mootummaa sadarkaan jiranis seerotaafi hojmaata sirna raabsaafi itti fayyadama boba’aa irratti ba’e mulkeessuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.BKO

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...