Pirezedaanti Shimallis Abdiisaa
Milkaa’ina guyyaa har’aa argame keessatti, ummanni naannoo keenyaa akkuma yeroo maraa shoora olaanaa taphateera.Ummanni keenya, sagantaa kanatti boroo ittibahee waarii irraa galuun jaalala, mararfannaafi aantummaa akkasumas kutannoo biyyaafi naannoo magariituu arguuf qabu agarsiisee jira.Akkasumas, tokko tokkoon biqiltuu har’a dhaabamee naannoofi biyya keenyaf abdii, dandamannaafi waadaa egeree ittifufiinsa qabu bakka kan bu’uudha. Guyyaan seena qabeessi kun, gama tokkoon calaqqee hojii cimaafi cichoomina ummata keenyati; gama biraatiin agarsiiftuu waliin taanan waan kamuu milkeessuu danda’uuti.Miira guyyaa har’aa biqiltuu dhaabuuf agarsiifne kana, ittifufuun biqiltuu dhaabne kunuunsuun akka dabaallu shakkii tokko hinqabu.Namoota milkaa’ina seena qabeessa kanaaf gumaachan hundaaf, galata onnee irraa madde dhiyeessuun barbaada.Imala keenya gara Oromiyaafi Itoophiyaa magariituufi badhaatuutti taasifnu keessatti, guyyaa kana taatee seena qabeessa taasisuu keessaniif kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa