back to top

Karooraa ol biqiltuu mil. 615.7 dhaabuun ulaagaa waardiyyummaa madaala naannoo haaraa kaa’uu dandeenyeerra

Date:

Pirezedaanti Shimallis Abdiisaa

 
Milkaa’ina guyyaa har’aa argame keessatti, ummanni naannoo keenyaa akkuma yeroo maraa shoora olaanaa taphateera.
Ummanni keenya, sagantaa kanatti boroo ittibahee waarii irraa galuun jaalala, mararfannaafi aantummaa akkasumas kutannoo biyyaafi naannoo magariituu arguuf qabu agarsiisee jira.
Akkasumas, tokko tokkoon biqiltuu har’a dhaabamee naannoofi biyya keenyaf abdii, dandamannaafi waadaa egeree ittifufiinsa qabu bakka kan bu’uudha. Guyyaan seena qabeessi kun, gama tokkoon calaqqee hojii cimaafi cichoomina ummata keenyati; gama biraatiin agarsiiftuu waliin taanan waan kamuu milkeessuu danda’uuti.
Miira guyyaa har’aa biqiltuu dhaabuuf agarsiifne kana, ittifufuun biqiltuu dhaabne kunuunsuun akka dabaallu shakkii tokko hinqabu.
Namoota milkaa’ina seena qabeessa kanaaf gumaachan hundaaf, galata onnee irraa madde dhiyeessuun barbaada.
Imala keenya gara Oromiyaafi Itoophiyaa magariituufi badhaatuutti taasifnu keessatti, guyyaa kana taatee seena qabeessa taasisuu keessaniif kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.
Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dorgimmiin Daddaraaroo Marsaa 2ffaan xumurame.

‘OBN Cyber Media’ Fulbaana 05,2016- Dorgommii Daddaraaroo Marsaa 2ffaan...

Oduu Bizinasii Wiixata Guyyaa sa’aa 7:00

https://www.facebook.com/OBNAfaanoromo/videos/469511789424986

Arsenaal Tootenhaamiin galchii 1fi 0’n injifate.

‘OBN Cyber Media’ Fulbaana 05, 2016 - Tapha Piriimeer...

Kantiibaa Adaanech Abeebee hojii misooma kooriidarii magaalaa Bishooftuu daawwatan.

‘OBN Cyber Media’Fulbaana 3/2017- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee...