Oromiyaatti waggoota jahan darbanitti fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa mil. 29 ol horachuun danda’ameera

Date:

OBN Cyber Media Bitootessa 18,2017-Biiroon Fayyaa Oromiyaa waggoottan jahan darbanitti fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf tajaajila fayyaa qulqullina, walgitiinsa qabuu fi haqa qabeessa ta’e kennuun hawaasa fayya qabeessa horachuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jiraachuu ibse.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Guutaa ibsa kennaniin, waggoottan jahan darbanitti sirna tajaajila fayyaa dursanii dhukkuba ittisuufi yaalanii fayyisuu bu’uura godhachuun hojii hojjetameen bu’aawwan gurguddoo kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Haluma kanaan waggoottan jahan dura baay’ina hospitaalotaa 70 ture, yeroo ammaa 110 qaqqabsiisuun hawaasni dhiyeenyaan tajaajila fayyaa akka argatu taasifameera.

Keellaa fayyaa walii galaa 200 haaraa ijaaruun, hawaasni baadiyaa tajaajila fayyaa naannoo isaatti akka argatu taasifamuu Dr Bokonaan dubbataniiru.

Tajaajila fayyaa dhaabbileen fayyaa kennan hammayyeessuuf tajaajila haarawa kana dura hin turre (imaging) hospital 7 keessatti CT -scan galchuun danda’amee jira.

Tajaajila baqaqsanii deessisuu buufata fayyaa keesatti armaan dura hin turre yeroo ammaa buufata fayyaa 61 keesatti tajaajila baqaqsanii deessisuu kennamaa jiraacuu eeraniiru.

Waggoottan 6n darbetti ambulansii haarawa 159 Godinoota, Magaalota fi hospitaalotaaf qooduun du’aatii haawwota fi daa’immanii xiqqeessuun kan danda’ame ta’uus Dr Bokonaan yaadachiisaniiru.

Inshuraansii fayyaa hawaasaa Aanoota 3 qofa irra ture, Aanaalee fi Magaaloota oromiyaa hundatti babal’isuun danda’aamee jira. Bu’uruma kanaanis abbaa warraa miliyoona 5.7 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa gochuun, fayyadamaa miseensa maatii inshuraansii fayyaa hawaasaa milliyoona 29n gahuun akka danda’amee kaasaniiru.

Walumaagalatti waggoottan jahan darbanitti gama seektara fayyaatin jijjiiramni abdachiisaan jiraacuu kan ibsan Dr Bokonaan, ammas gama dhiyeessii qorichaa , messhaalee yaalaa, waliin gahiinsa hospitaala sadarkaa jalqabaafi uwwisa ogeeyyii fayyaa gosa ogummaa fi baay’inaan waliin gahuu irratti hanqina jiruu furuun tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.BKO

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...