“Oromiyaatti oomishaalee biyya alaatii galfaman kan biyya keessaatiin bakka buusuun, sharafa biyya alaa maddisiisuun danda’amuu ibsame

Date:

‘’Naannoo Oromiyaatti oomishaalee biyya alaatii galfaman kan biyya keessaatiin bakka buusuun, sharafa biyya alaa maddisiisuun milkoofneerra jedhan,Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa, Obbo Addisuu Araggaa.

‘OBN Cyber Media’ Caamsaa 11, 2017- Raawwiin hojii ji’oota sagalii Dhangaa Guutuu, Ce’umsa Sirna Nyaataafi Komishinii Hoggansa Hojii Ittisaa Balaa, Magaalaa Jimmaatti qoratamaa jira.

Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa, Obbo Addisuu Araggaa, imala jijjiiramaa keenya erga jalqabnee eegalee imaammata, tarsiimoofi sagantaalee biyyattiifi lammiileeshee fayyadan hojiirra oolchuuf kutannoo guutuudhaan hojjechaa jirra jedhan.

Yaadama Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad maddisiisan keessaa ‘Dhangaa Guutuun’ tokko ta’uu kan ibsan Obbo Addisuun, jijjiiramaafi guddina akka guutuu biyyaatti dhufeef bu’uura guddaa waan ta’eef, Naannoo Oromiyaa keessattis xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jira jedhan.Sagantaa guddaa hawaasaaf eebba ta’aa jiruudhas jedhan.

Akka ummataattis ta’e akka biyyaatti of jijjiiruuf waadaa cimaan yoo jiraate, of ilaaluu malee hojiin manaa kamiyyuu eenyuufuu hin ka’amne jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi ummanni naannichaa kanuma gochaa jiru.Dursa of ilaaluun karaa of jijjiiruu isa tokkicha akka ta’e dubbataniiru.

Kun dhugaa ‘Dhangaa Guutuun’ mul’iseedha jedhan, Obbo Addisuun.

Yaada haaraa Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad maddisiisan kana Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora raawwii inisheetiiviifi tarsiimoo raawwii inisheetiivii waggaa afurii (2015-2018) qopheessee hojiirra oolcheera jedhan.

Raawwii hanga ammaatiinis wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee biyya alaatii galfaman kan biyya keessaatiin bakka buusuu, sharafa alaa maddisiisuufi carraa hojii uumuuf hojjechaa turre; kaayyoowwan kana galmaan ga’uuf tooftaaleen gurguddoon

3 hojiirra oolaniiru jedhan.

 Isaanis:-

1) Hojii horsiisa beeyladaa kilaastaraan qindeessuu, deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta’e kennuufi galtee barbaachisaa guutuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu.

2) Deeggarsa ogummaa beekumsa irratti hundaa’e kennuufi dhiyeessii teekinooloojii dabaluu.

3) Garee hoggansaafi teekinikaa naannoo irraa kaasee hanga caasaa gandaatti hojii kana to’atu, deeggaruufi hordofu gurmeessuun hojiirra oolchuudha. Hojii kanaan miira gammachuufi kaka’umsa hojii haaraa ijaaruudhaan ummata naannichaa fayyadamoo taasisuu bira darbuun, sadarkaa biyyaattis bu’aa ol’aanaa fiduun danda’ameera jedhan.

Obbo Addisuu Araggaa, sagantaa ‘Dhangaa Guutuu’ cinatti hojiirra oolmaa “Kakuu Soqoxaa” irrattis bal’inaan hojjetamaa turuu himaniiru.

Kaayyoon hojiirra oolmaa ‘Waadaa Soqoxaa’ inni guddaan biyya keenya keessatti quucaruu daa’imman umurii waggaa 2 gadii ittisuufi akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030’tti rakkoo kana guutummaatti biyya keenya keessaa dhabamsiisuudhaan, lammiilee qaamaan guddatan, sammuudhaan gahoomaaniifi fayyaa qaban oomishuuf akka ta’e beekamaadha.

‘Kakuun Soqoxaa’ Naannoo Oromiyaatti walta’iinsa waldaalee siiviikiifi michoota misoomaa waliin ta’uun bara 2014’tti eegalame.

Sagantaan kun hojii hanga ammaatti hojjetameen aanaalee naannichaa 102 keessatti hojiirra ooleera jedhan, Obbo Addisuun.

Bara 2018’tti immoo aanaalee 159 keessatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu eeran. Baajata mootummaan Federaalaa sagantaa kana hojiirra oolchuuf barana ramadameen alatti, mootummaan naannoo Oromiyaa baajata Birrii miiliyoona 200fi miiliyoona 4 karaa ‘Match Fund’ ramaduudhaan hojiiwwan hojjetamaniin bu’aa gaarii galmeessuun danda’amuus Obbo Addisuun kaasaniiru.

Itiyoophiyaan mul’ata hoggantoota isheefi kaka’uumsa lammiilee isheetiin hiyyummaarraa bilisa ta’uuf imala gaariirra jirtis jedhan.

Kanumaan walqabatee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa kallattii Sanada Tarsiimoo Nyaataafi Sirna Nyaataa keessatti kaa’ameen walsimsiisuun qindoomina dameeleefi dhaabbilee cimsuu, sirna nyaataafi sagantaalee soorataa hirkattummaa irraa fageessuun gara of danda’uutti ceesisuuf, hojii hojjeteen bu’aawwan gaarii galmeessuun danda’ameera.

Koreen hojii kanaa naannoo irraa eegalee hanga gandaatti godinaalee 21fi magaalota 23’tti of danda’anii hundeeffamuu, Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa, Obbo Addisuu Araggaa himaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...