Oromiyaatti daldaltoota karaa seeraan alaa daldalaa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu, Biiroon Daldalaa naannichaa hime

Date:

‘OBN Cyber Media’ Mudde 30,2017-Hogganaa Itti aanaan Biirichaaa Obbo Tasfaayee Gashoo  akka himanitti arkaanfiin kunis kanneen eyyama kennameefiin alaa daldalaa biroo irratti hirmaatan, meeshaaleefi oomishaalee adda addaa waliin makuun  gurguran akkasuma kanneen hojii seeraan alaa biroo irratti hirmaatanidha.

Kana malees, kanneen madaala burjaajessaan, eeyyama daldalaa isaanii kan hin haaromsine, bakka hojii eeyyama itti fudhatan itti dabalataan bakka biraatti hojjechuurratti kanneen bobba’an, kanneen oomishaalee yeroon irraa darbe osoo gurguranii qabaman  fa’i.

Haaluma kanaan daldaltoota hojii seeraan alaarratti hirmaatan kuma 75 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu ibsaniiru.

Tarkaanfiin bulchiinsaa irratti fudhatames dhaabbilee daldala isaanii cufuu fi heeyyama daldalaa isaanii haquu ta’uu eeranii; adabbii daldalota irratti darbeen Birrii miiliyoonni 16 ol mootummaaf galii ta’uu beeksisaniiru. TOI

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...