‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 09,2018 Milkaa’inoonni argaman xumura imalaa miti, Bu’uura ce’umsa guddaa itti aanuuti jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Pirezidaanti Shimallis ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, Qorannoo raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 4ffaa bara 2018 fi qophii raawwii karoora bara 2019 adda duroota badhaasuun xumurreerra jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
Waggoota shanan darban keessatti, qormaatilee hedduu keessa dabarree, wareegama olaanaa kaffaluun dinagdee, hawaasummaa, misooma magaalaafi baadiyyaa, bu’uuraalee misoomaa dabalatee gama maraan milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessineerra- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana 4ffaa bara 2018 fi qophii raawwii karoora bara 2019 adda duroota badhaasuun xumurree jirra.
Guyyoota darban raawwii hojii keenya gadi fageenyaan gamaaggamaa turre. Gamaaggamni kun hojii darbe madaaluu qofa osoo hintaane, kallattii waggoota Karoora Of-danda’uu keessatti hordofnu irratti hubannoo waliiniifi murannoo haaraa akka qabaannu nutaasiseera.
Waggoota shanan darban keessatti, qormaatilee hedduu keessa dabarree, wareegama olaanaa kaffaluun — dinagdee, hawaasummaa, misooma magaalaafi baadiyyaa, bu’uuraalee misoomaa dabalatee gama maraan — milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessineerra. Milkaa’inni hunda caalu garuu hoggansa horannedha.
Milkaa’inoonni argaman xumura imalaa miti; bu’uura ce’umsa guddaa ittaanuuti. Kanaaf bara 2019’fi waggoota Karoora Of-danda’uu keessatti, bu’aa arganne eeguuf osoo hintaane, sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf caalaatti ciminaafi kutannoon nihojjenna.Kanaaniis bajataan, nageenyaan, bu’uuraalee misoomaan, ogeessaan, nyaataan, hoggansaanifi kkf Of-danda’uu Oromiyaa nimirkaneessina.
Kanaaniis galmoota qabsoo Oromoo — dhaloota dorgomaa uumuu, ummata dinagdeen aangomsuufi sirna ummataawaa cimaa ijaaruu — caalaatti nidhugoomsina.
Goolabbii gamaaggamaa keenyaan, caasaalee gandaa hanga manneen hojii mootummaa naannootti jiran keessaa kanneen raawwii olaanaa galmeessaniif “Badhaasa Pirezidaantaawaa” Mootummaa Naannoo Oromiyaa marsaa 5ffaatiin beekamtii kennineerra.
Gandoonni baadiyyaafi magaalaa, aanaaleen, kutaaleen magaalaa, godinoonni, magaalonnifi manneen hojii mootummaa beekamtii kana argattan marti baga gammaddan.
Badhaasni kun hojii gaarii darbeef qofa kan kennamu miti; aadaan bu’aan dorgomuu, walirraa barachuufi waliif fakkeenya ta’uu akka dagaaguuf kennama. Raawwiin keessan mootummaa keessatti yeroo dorgommii gaariin, hoggansi cimaafi tajaajilli ummata giddugaleessa taasise walitti dhufan maal milkaa’uu akka danda’amu agarsiisa. Milkaa’inni keessan kan isin qofa biratti hafuu miti. Qaamni hundi irraa baratee, Oromiyaa guutuutti akka babaldhatu amantaa guutuun qaba.
Warri yeroo kana beekamtii hinargatinis, akka kufaatii dhumaa osoo hintaane, akka carraa ofsakatta’uu, hanqina sirreessuufi dorgommii itti aanuuf of qopheessuutti ilaaluu qabu. Aadaan hojii mootummaa keessatti dagaaguu qabu walmoo’uu miti; walirraa barachuu, walcimsuufi waliin guddachuudha. Miira kanaan waljajjabeessinee, dorgomaa waltaasifneefi walcimsinee Oromiyaa badhaatuu ijaaruun itti fufa.
Walumaagalatti, caasaalee mootummaa sadarkaa hundatti argamtan mara, hojii waggoota Karoora Xiiqii keessatti raawwattaniif hedduun isin galateeffadha. Barri 2019’fi waggoonni Karoora Of-danda’uu garuu yeroo itti bu’aa darbeen of-dagachiifnu miti. Yeroo itti beekumsa, itti gaafatamummaa, aantummaafi tokkummaa caalaatti cimsinee of-danda’ummaa Oromiyaa dhugoomsinuudha.
Kanaaf hundi keenya miira hojii ariifachiisaafi kutannoo haaraan akka sochoonu cimsinee isin yaadachiisa.
