Home Oduu “Hooggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun, gama hundaan ofdanda’uuf hojjechuu qabna.”Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

“Hooggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun, gama hundaan ofdanda’uuf hojjechuu qabna.”Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

0

‘OBN Cyber Media’Adoolessa 09,2018

Hooggansa dinagdee carraawwan misoomuu, humna namaafi beekumsa qindoominaan hogganee, badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruudhaan waan hundaan of danda’uuf hojjechuu qabna jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Qorannoon raawwii hojii Mootummaa fi Paartii bara 2018 guyyoota sadiif magaalaa Adaamaatti qoratamaa ture kallattii hojii Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin goolabameera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa xumura waltajjii qorannoo raawwii hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 irratti argamuun yaada kennaniin, Imaammattoonnifi tarsiimoowwan yaadama Ida’amuu irraa maddan gurmaa’insa paartii, mootummaa fi hirmaannaa ummataa qindoomina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu isaatiin galmoonni imala badhaadhinaa dhugoomaa akka jiran ibsaniiru.

Kunis raawwii hojii bara 2018 keessatti qabatamaadhaan kan ife ta’uu ibsuun, injifannoowwan galmaa’aa jiran kun itti fufiinsa qabaachuun waan hundaan of danda’uuf, hoggansi dinagdee carraawwan misoomuu jiran, humna namaa fi beekumsa walitti qindeessee hogganu ijaaramuu akka qabu dhaaman.

Barri 2019 Waan hundaan of danda’uudhaaf karoora of danda’uu waggoottan shanan dhufanii raawwachuu kan itti jalqabnu ta’uu kan ibsan Pirezidaanti Shimallis, galmoota karoora of danda’uu kana dhugoomsuuf, carraawwan misooma dandeessisan, humna namaa, qabeenya uumamaa, faayinaansii fi carraawwan faayinaansii jiran qindoominaan hoggananii dinagdeetti jijjiiruuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu akka ta’e akeekan.

Carraawwan kanniin gara badhaadhina qabatamaatti jijjiiruuf ammoo, hoggansa dinagdeetu barbaachisa kan jedhan Pirezidaanti Shimallis, hoggansa dinagdee jechuun, carraawwan misoomuu jiran kan hubatu, oomishtummaa guddisuuf karoorsee kan hojjetu, dorgomtummaa kan sirnoomsu, qusannaa fi invastimantii kan bal’isu, bu’a qabeessummaa ummataa, dhaabbilee fi dhaheessummaa kan dagaasu ta’uu ibsaniiru.

Hoggansi dinagdee kunis GDP, carraa hojii, badhaadhina sadarkaa maatiitti uumuufi investimantii babal’iseen madaalamuu akka qabus eeran.

Kana gochuudhaan waggoottan shanan dhufan keessatti, baajataan, nageenyaan, misoomawwan bu’uuraan, ogummaadhaan, gaggeesummaafi wabii nyaataan of danda’uuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuuf qaamni hundi bakka jirutti gahee isaa akka bahachuu qabu dhaamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kafaaloo Tafarraa gama isaanitiin, galmoota Imala badhaadhinaa milkeessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu kan gaafatan ta’uu kaasuun, raawwiin hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 agarsiiftuu akka ta’an ibsaniiru.

Imalli badhaadhinaa waggoottan darbanii qormaatilee hedduun kan guutame ta’ullee, hoggansaa fi paartiin keenya seenaa hojjechuuf akeekanii hojjechaa turuu isaanitiin, qormaatilee gara carraatti jijjiiruun ijaarsa biyyaa keessatti bu’uura cimaa hin sochoone kaa’uu danda’uu isaanis ibsaniiru.

Injifannoowwan kanniin itti fufsiisuuf, horata gaggeessummaa uummanne, carraawwan misoomuu bal’aa qabnuu fi humna namaa yaadama Ida’amuutiin masakame qindeessinee hoggananuun injifannoo caalmaa waan hundaan of danda’uu keessatti gala nuuf ta’uu galmeessuuf sadarkaa hundatti gahumsa ol’aanaadhaan socho’uun akka barbaachisu dhaamaniiru.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version