Lammiileen kuma 134 ol galmaa’anii leenjiii Koodarootaa fudhachaa jiru-TKM

Date:

Leenjii “Koodaroota Itiyoophiyaanoota miiliyoona 5’n” lammiileen kuma 134 ol galmaa’uun yeroo ammaa leenjicha fudhachaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajajailichaa Salaamaawwit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, sagantaan leenjii koodarootaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin ifoomuu yaadachiisnaiiru.

Haaluma kanaan sagantichi hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Kaayyoon sagantichaas hubannoo bu’uuraa dijitaalaa dargaggootaa gabbisuun, dorgomtummaa isaan addunyaarratti qabaatan kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Dabalataan diinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahataniif kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi dhaabbataa damicharratti muuxannoo sadarkaa idil addunyaa qabuun kan kennamuu ta’uus kaasaniiru.

Leenjichi fedhii beekumsaa dargaggootaa adda baasuun, leenjii biroo kennamuu qabaniif galtee bu’uuraa akka ta’u dubbataniiru.

Leenjichi hunda hirmaachisaa akka ta’u haalli mijachuu kaasanii, fuuldurattii hammi leenjitootaa dabalaa danda’aan kan eegamuudha jedhan.

Hanga ammatti lammiileen kumni 134 galmaa’anii leenjicha fudhachuurratti akka argamanis ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...