Kenna beekamtiifi galateeffannaa  miseensota   Waraana Bilisummaa Oromoo  walii galtee araaraan galanii.

Date:

Miseensota waraana bilisummaa oromoo walii galtee araaraan galaniif sirni beekamtiifi galateeffannaa qophaa’era.     

Sagantaan kunis iddoo isaan leenjii haaromsaa itti fudhataa  turan giddu gala leenjii Loltummaa Awwaash Bishoollaatti qophaa’e.

Saganticha irratti Abbootiin Gadaa Oromoofi qondaaltonni biroon  argamaniiru.   

Sirnicharratti hooggansi Waraana Bilisummaa Oromoo  walii galtee araaraan miseensotasaanii waliin galan Obbo Sanyii Nagaasaa; Oromiyaa keessatti kana booda sagalee qawwee dhageessisuun dhaabbachuu qaba  jedhan.

Abbootiin Gadaas hidhattoota kanneen qe’ee Oromootti nagaan akka bu’uuf waamicha araaraa ulfinaan fudhachuun galuusaaniif galateeffataniiruun.

Qondaalli  waraanichaa   Obbo Sanyii Nagaasaa, Oromiyaa keessatti kana booda waraanni kan hin barbaachisne ta’uu himuun waloon nageenya naannoofi biyyaa ni mirkaneessina jedhan.
Waldhabdeen yoo jiraate mariifi marabbaan furra malee waraanni miidhaan isaa maal akka ta’e argineerras jedhan, Obbo Sanyiin.
Abbootiin gadaa saganticha irratti argamanis miseensota  waamicha nageenyaa fudhatan galateeffachuun qaamoleen hafanis karaa nagaa filachuun qe’ee Oromoo nagaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
#AbbootiiGadaa #hidhattoota #Nagaa #Oromia #Ethiopia

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...