This Content Is Only For Subscribers
Please subscribe to unlock this content. Enter your email to get access.
OBN Hagayya 15/2016 – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee yakka suukaneessaa mucaasheerratti raawwatameen waggaa tokkoo ol osoo haqa hin argatiin kan hafte haadha daa’ima Heeven argachuufi jajjabeessuu himan.
Bulchiinsi magaalichaas dhimmicha seeraan hordofuuf, haalli jireenya ishees fooyya’aa akka ta’uuf akkasumas miidhaa irra gahuu danda’u hir’isuuf mana jireenyaa akka argattu, magaalaa Finfinnee keessatti hojjettee akka jiraattu haala miijessuu himan.
Dhimmi Heeven dhimma hunda keenyaati kan jedhan, Kantiibaa Adaanech Abeebee yakki walfakkaatu daa’imman biroo irratti akka hin raawwanneef dhimmichi murtoo haqaa argachuu qaba jedhaniiru.
Gochi suukaneessaan akkasii akka hin dabalamne ilaalcha hawaasaa jijjiiruun dhimma waloo waan ta’eef hundumtuu itti gaafatamummaasaa bahachuu qaba jechuusaanii Waajjira Kantiibaa Magaalaa Fininneerraa odeeffanne.