Jilli Pirezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Kiigaaliitti hojiilee misoomaa garaa garaa daawwate

Date:

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu biyya Ruwaandaa Magaalaa Kiigaaliitti argamuun waltajjii muuxannoo waljijjiirrafi daawwannaa hojiilee misooma magaalaa garaagaraa irratti argameera.

Waltajjiiwwan kanneen irratti dhimmoota dargaggootafi dinagdee jaarraa 21ffaan walqabatan, keessumaa beekumsa digiitaalaa, ogummaa, misooma dhaweessummaa (entrepreneurship Development) fi faayinaansiin walqabatan dhiyaataniiru.

Mariiwwan taasifamaniin dhimmoonni misooma manneenifi bu’uuraalee misoomaa, qulqullina magaalaafi bulchiinsa balfaa, tajaajila dijiitaalessuu eyyama ijaarsaa, fooyya’iinsa qaqqabummaa tajaajila bulchiinsaa, sirna kaffaltii dijiitaalaa geejjiba ummataafi bulchiinsa bu’uuraalee misoomaa irratti hubannoon qoodameera.

Akkasumas, jilichi kantibaa Kiigaaliifi manaajimantii magaalichaa waliin dhimmoota bu’uuraalee sochii/daandiifi magariisummaa qarqara daandii, dhiyeessii mana jireenyaa, bulchiinsa balfaa, qulqullinafi magariisummaa magaalaa irratti adda durummaan mari’ateera.

Sagantaa daawwannaa tureen, jilichi lafa banaa ummataa (public spaces), pirojektii fooyyessa qubsuma al-idilee, inisheetivii Magaalaa Magariisaa Kiigaalii ilaalee jira.

Jilli Obbo Shimallisiin durfamu kun, Tiraakii Fiigichaa Niyaarutaramaa km 2.4 dheeratuufi meetira 4 baldhatu deemsa lukaatiin kan ilaale yoota’u, gahee inni haala jireenya fayya-qabeessa eegufi lafa magariisa magaalaa jajjabeessuu keessatti qabu dinqisiifate.

Obbo Shimallis Abdiisaa, wayita pirojektii fooyyessa qubsuma al-idilee “Mpazi Rehousing Project” jedhamu daawwatanitti, foyya’iinsa jiruufi jireenyaa pirojektichi jiraattota biratti fiduuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Pirojektiin kun, lafa kanaan dura qubsuma al-idilee tureefi rakkoolee magaalaa hedduudhan beekkamu irraa fooyya’ee, gamoolee bilookii 19’tti ijaaraman irra kan jiru yoota’u, maatii 700 kan qabatuudha.

Dabalataanis, Riizortii Golfii Kiigaaliifi Viillaa (Kigali Golf Resort and Villas) magaalaa Kiigaalii iddoo Niyaarutaramaa (Nyarutarama) jedhamutti argamu daawwateera.

Daawwannaa kanaan, misooma magaalaa keessaa irratti muuxannoo waliif qooduun, rakkinootafi dilbii magaalonni qaban adda baasuun, magaalota wiirtuu carraawwanii gochuufi dinagdee ittifufaa ijaaruu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uun hubatameera.

Kaayyoon daawwannaa jila kanaa, magaalota Oromiyaatiif muuxannoowwan gaggaarii karoora magaalaa, jijjiirama dijitaalaafi bulchiinsa gaarii fudhachuun qulqullina fooyya’iinsa jireenyaa fidan achii madaksuun misooma koridoorii magaalootaa taasifamaa jiruu keessatti dinagdee ittifufiinsa qabu tarkaanfachiisuuf galtee guddaa kan ta’uudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaammata magaalomsuu haaraa baasee hojiitti galaa kan jiru yoota’u, misooma koridoorii magaalotaas xiyyeeffannoo addaa itti kennee hojjataa jiraachun ni beekama.

 

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...