Jila Atleetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaan sadarkaa 3ffaan xumuree gara biyyaa deebi’eef simannaan gootaa taasifame.

Date:

‘OBN Cyber Media’  Bitootessa 16, 2017-Shaampiyoonaa Atleetiksii Mana keessaa Addunyaa marsaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiigitti dorgomamaa tureen Jilli Atleetiksii Itiyoophiyaa ‘USA’ fi Noorweeyitti aanuun meedaaliyaa warqii 2 fi meetii sadi argachuun addunyaarraa sadarkaa 3ffaan, Afrikaarraa sadarkaa 1ffaan xumuruun ni yaadatama.

Jilichi ganama har’aa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee yoo gahu, simannaan gootaa taasifameefi.Fiigicha meetira 3000’n atleet Fireewayni Hayiluu, Meetira 800’n Gudaaf Tsaggaay 1ffaa bahuun atleetota meedaaliyaa warqii lameen Itiyoophiyaaf argamsiisani.

Meetira 3000’n atleet Barrihuu Aragaawii, Meetira 1500’n atleet Dirribee Waltajjii, Meetira 800’n Nigisti Geetaachoo atleetota meedaaliyaa meetii argamsiisaniiru.Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaarraa odeeffanne.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...