‘Hojiin Ashaaraa Magariisaa oomishaalee haaraan wal nu barsiise.’ Q/ Bultoota Aanaa Buree.

Date:

Qonnaan bulaa Shifarraa Sambatoo Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Buree   keessa jiraatu. ‎

‎Misooma Ashaaraa Magariisaa eegaluun dura lafti diriiraan qaban waa hunda biqilchuu danda’u waggaatti al tokko qofa boqqolloo irraa oomishaa turan.

  Hojiin  sagantaa Ashaaraa magariisaa waggaa jahaan dura eegalame garuu waan haaraan  qe’ee isaanii gale.

 Lafa  hektaara tokkotti siqu kanaan dura boqqolloo qofa irraa oomishaa turan Avokaadoo sanyii fooyya’an bakka buusan. ‎

Avokaadoon waggaa jahaan dura dhaabbates har’a hurruubee firii kennuun nyaata madaalamaa argachaa jiraniin cinaatti, waggaatti galii dabalataa Birrii kuma 50 hanga kuma 100 argachaa jiraachuu himan.

‎Godinichatti waggoota jahaan darban  biqiltuu gosa adda addaa biiliyoona tokko ol dhaabame keessaa harki 85qabachuu waajjirri qonnaa Godinichaa kan beeksise.    

Akkasumas godinichatti misoomni muduraa kanaan dura lafa hektaara kuma 10 hin caalle, yeroo ammaa gara hektaara kuma 32’tti ol guddachuu himan.

Hojii kanaan uwwisni  bosona godinichaa harka 51 irra ture gara harka 71’tti ol guddiseera jedhame.  

Bafqaaduu Mokonniniin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...