“Hojii rifoormii dhaabbilee teknikaafi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda’ameera”- Aadde Mufaariyaat Kaamiil

Date:

‘OBN Cyber Media’ Mudde 30,2017-Hojii rifoormii dhaabbilee teknikaafi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda’amuu, Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil beeksisan.

Dhaabbileen leenjii kunneen lammiileen yaada hojii qabeenya hojii uumuu maddisiisuufi misoomsitoota teknooloojii rakkoo furuu danda’anii akka ta’an taasisaa jiru jedhaniiru.

Adde Mufariyaat guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hojii dhabdummaa hir’isuuf guddina ogummaa guddisuun barbaachisaa ta’uu  ibsaniiru.

Guddinna ogummaaf immoo dhaabbilee leenjii ammayyeesuu , misoomawwan bu’uuraa guutuufii fi hojiiwwan hunda galeessa hojjechuun barbaachisadha jedhan.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojii rifoormii dhaabbilee teknikaafi ogummaa keessatti hojjetamaa tureen qabeenya haaraan uumuun danda’uu himaniiru.

Kanaanis dhaabbileen kunneen barattoonni isaan oomishan kan yaada hojii maddisiisanii fi misoomsitoota teeknooloojii rakkoo furuu danda’anii akka ta’an gargaaraa jiru jedhaniiru.

Dhaabbileen barnootaa, leenjii, teknikaafi ogummaa bu’uura kanaan hojjechuu  itti fufuun dhaqqabamummaasaanii akka babal’isan  ni hojjetama.

Kunis Itophiyaatti lammiileen fedhiifi dandeettii qaban giddugalaawwan kanneenitti hojii uumuu akka danda’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru.TOI

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...