Hojii Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota qaxanaa gaaddisa dippilomaasii tokko jalatti hiriirsaa jiru!

Date:

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 19 ,2018

Dippilomaasiin ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo eeguun biqiltuu dhaabuun cinatti, akka meeshaa hariiroo Idil-addunyaa, qilleensa mijataa qaxanaa biyyootaa  keessatti mirkaneessuuf  guddaa gumaacha.

Akkuma Bosonni Addunyaa guddichi Amaazoon Ardii Ameerikaa Kibbaa Biraazil keessatti irra jireessaan argamu Somba addunyaa jedhamu, hojiin Itiyoophiyaan biyya ishee keessatti biqiltuu dhaabuun hojjettu biyyattiirra darbee addunyaafu qoricha.

Itiyoophiyaan  qabeenya uumamaa misoomsuu, eeguufi kunuunsuu  daangaa ishee keessatti raawwachuun  dhiibbaa jijjiirama qilleensaan  dhufu hir’isuuf hojii hojjetaa jirtuun dabalataan biqiloota Biyyoonni ollaas akka dhaabaniif kennuufiin  dippilomaasii Ashaaraa magariisaa cimsaa jirti.  

Hojiin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu, waloomaafi ollummaa daraan cimsaas jira.

Dippilomaatonni biyyoota garagaraa Finfinnee jiraatan, misooma ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun, hariiroo biyyoonni isaanii Itiyoophiyaa waliin qaban caalaatti akka cimuuf gargaareera.

Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisaatiin ofirra darbuun biyyoota ollaa kanneen akka Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaafi Sudaan dabalatee biyyoota biroofis  gumaachiteetti.

Kanaanis ashaaraan magariisaa Itiyoophiyaaf dippilomaasii guddaa ta’ee tajaajilaa jira.

Rakkoo jijjiirama qilleensaa Addunyaa mudataa jiruuf wabii ta’uuf sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan  bara 2011 irraa eegalteen biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun, Itiyoophiyaan addunyaarraa fudhatamummaa guddaa argatte.

Hojiin kun dhaabbilee Idil addunyaa biraatti dinqisiifannaa guddaa argachaa jira.

Kanaanis Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Addunyaa fi dhaabbileen biroo hojii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) misooma ashaaraa magariisaa irratti hojjetaniif beekamtii fi badhaasa adda addaa kennaniifiiru.

Ashaaraan magariisaa kutannoo mootummaafi hirmaannaa lammiilee Itiyoolhiyaan hojjetamaa jiru biyyoota biroofis muuxannoo gaarii ta’aa jira.

Kana malees, Gaanfa Afrikaa keessatti dhimma jijjiirama qilleensaarratti ejjennoo walfakkaatu uumuu keessatti gahee guddaa gumaacheera.

Kun ammoo Itiyoophiyaaf damee dippilomaasii isa olaanaa ta’ee tajaajilaa jira.

Hojiin dippilomaasii ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa jiru faayidaa dinagdeefi eegumsa naannootiif qofa osoo hin taane, dhageettii Itiyoophiyaa addunyaarratti ol kaaseera.

Ministeera Qonnaafi Maddeen biroo wabeeffanne.



LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Ashaaraa Magariisaa; egeree Dinagdee Biyyaati.

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 22, 2018 Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde...

Gamtaan Awurooppaa sochii TPLF balaaleffate.

‎'OBN Cyber Media' Waxabajjii 22,2018 ‎Gamtaan Awurooppaa (EU) haala Naannoo...

PM Abiy Ahmed Calls for Collective Action to Revitalize Addis Ababa’s Kebena Riverside

OBN Cyber Media: June, 29, 2026 Prime Minister Abiy Ahmed...