Haala yeroorratti odeeffannoo Tajaajila Godaantotaafi Godaansarraa deebitoota Itiyoophiyaa irraa kenname.

Date:

Itiyoophiyaa keessa lammilee biyyoota 26 miiliyoona 1.1 ta’an godaantummaafi kolugaltummaa warreen gaafataniif dawoo ta’uufiin tajaajiloota gara garaa kennaafii jirti.
Deeggarsi dhufuus harcaatii tokko malee fayyadamtoota bira akka gahuuf gubbaarraa hanga dakaatti hordoffiifi to’annoo cimsuun irratti hojjetamaa jira.

Bu’uura kanaanis sababa walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaa keessa ture hordofee Buufata godaantotaa Gaambeellaa keessa lammileen Sudaan Kibbaa Godaansaafi kolugaltummaa gaafatan, karaa Sagantaan Nyaataa Addunyaa dhaabbilee gara garaa irraa deeggarsi Qamadii meetirik tooniin kuma 1fi 632 kennameera.


Deeggarsi gama garaa garaan argamuus karaa dhaabbata kanaa raawwatamaa tureera.
Deeggarsi miilanaa kunis kaayyoodhuma isa duraan kan walfakkaatuufidha.


Kunis Imbaasii Raashiyaafi Sagantaa Nyaataa Addunyaan ifatti ibsameera.

Kana ta’ee utuu jiruu, dhaabbileen Miidiyaa gara garaa deeggarsi Qamadii kun Mootummaafi Uummata Itiyoophiyaaf akka kenname fakkeessuun odeeffannoo dogoggoraa tamsaasaa jiraachuu hubanneerra.

Waan ta’eefis dhaabbileen Miidiyaafi qaamoleen dogoggora kana raawwatan dogoggorasaanii akka sirreessan gaaffanna jedheera Tajaajila Godaantotaafi Godaansarraa deebitoota Itiyoophiyaa.
Dhimmicha ilaalchisuun, odeeffannoo dabalataa kamiifuu bilbila armaan gadii fayyadamuun ni danda’ama.
Silashii Damiseewu- 0912023969
Ermiyaas Wudduu- 0913249362

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...