Dhiibbaa jijjirama qilleensaa hiri’isuuf hojjetamaa jira.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 12,2017-Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf raaga haala qilleensaa ammayyeesuufi odeeffannoo qaqqabamaa kennuuf hojjetamaa jiraachuu, Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Meetiroloojii Itoophiyaa Obbo Faxxanaa Tashoomaa ibsan

Fooramiin raaga haala qilleensaa Ganfa Afrikaa 69ffaan Finfinneetti taa’amaa jira. Fooramiin raaga haala qilleensaa kunis mata duree ”Tajaajila qabeenya qilleensaarratti hanqina akeekkachiisa duraarratti mul’tu furuu” jedhuun IGAD fi deeggartoonnisaa qindoomuun kan qopheessanidha.

Daarektar olaanaa Institiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa, Obbo Faxxanee Tashoomaa sirna banisa fooramicharratti jijjiramni qabeenya qilleensaa qormaata addunyaa ta’us naannawwichatti dhiibbaan inni geesisaa jiru garuu hunda caalaa cimaadha jedhan. Jijjirama qilleensa yeroo yeroon mudatu dursanii baruun odeeffannoo qaqqabamaa taasisuun dhiibbaa cimaa inni fiduu danda’u hiri’isuun ni danda’ama jedhaniiru.

Itiyoophiyaan dhiibbaa Jijjirama qilleensaa irraa damdamachuuf tajaajila raaga qilleensaa ammayyeesuu irratti fuulleffachuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Afrika Bahaa (IGAD)tti Daarektarri Giddugala raaga Qilleensaa fi Hojiirra Oolmaa (ICPAC) Dr Abdii Fidaa gama isaaniin; jijjiirama qilleensaaf deebii qindaa’afi qorannoo irratti hundaa’etu barbaachisa jedhaniiru. Afrikaan Bahaa yeroo baayyee jijjiirama qilleensaatiin waan miidhamtuuf dursanii raaga kana beeksisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.TOI

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...