Dhibeen Tiruu akkamiin nama qaba?

Date:

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 17,2018

Dhibeen Tiruu wayita nama qabu mallattoo akkamiitu namatti dhagahama?  Yaalamanii fayyuunihoo ni danda’amaa laata?
Tiruun kutaa qaamaa ta’ee wantoota xuriifi summii dhiiga namaa keessaa kan calaluufi sadarkaa sukkaara dhiiga keessaa to’achuun fayyummaa namaaf murteessaa ta’us sababoota garaagaraan wayita dhibamu mallattoo garaagaraatu namarratti mul’ata kan jedhan, Ispeeshaalistiin dhibeewwan keessoofi Daarektarri Daarektoreetii Barnoota Fayyaafi Kominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa.
Dhibeen Tiruu waggaatti addunyaarraa namoota miliyoona 1fi kuma dhibba 3 galaafataa jiraachuu kan ibsan Dr.Gurmeessaan, hawaasni ofeeggachuu qaba jedhan.
Namoonni miliyoona dhibba 2fi miliyoona 40 ol dhibee Tiruu qabaachuu isaaniis ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan mul’isu yoo ta’us, tiruun kutaa qaama namaa murteessaafi kunuunsa barbaadudha jedhan, Dr. Gurmeessaan.
Hawaasni mallattoo dhibeewwanii wayita ofirratti argu daftee  mana yaalaa deemuun qoratamuu qabaas dhaaman.

Ayinaalem Tarrafaatiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

GERD: A Catalyst for Regional Integration and Shared Prosperity

OBN Cyber Media-July 24, 2026 The Grand Ethiopian Renaissance Dam...

“TPLF, walqixxummaa sabaafi Sablammootaatti kan hin amannedha.” Tamasgeen Lammeessaa.

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 17,2018 Murni garee finxaaleyyii TPLF ummanni...

Taphataa Alii Ahmad eenyu?

‘OBN Cyber Media’Adoolessa 17,2018 Taphataan Kubbaa Miilaa hidda Oromoo Kilaba...

Caffeen Oromiyaa muudama Abbootii seeraa Aanaalee dhiyaate raggaase.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 13,2018 Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa...