Home Oduu “Dargaggoonni dogoggora murna TPLF irraa barachuun hawaasa bilisa baasuuf ashaaraa kaa’uu qabu”...

“Dargaggoonni dogoggora murna TPLF irraa barachuun hawaasa bilisa baasuuf ashaaraa kaa’uu qabu” Obbo Gu’iish Giday ‎

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 29,2018 ‎

‎Obbo Gu’iish Giday hawaasni Tigiraay nageenya barbaadus murni TPLF ummatarratti yakka hojjechuu malee daandii nagaa kan hin barbanne ta’uu ibsan.

Sababiinsaas yakki yeroo adda ddaatti raawwachaa jiru kan isa gaafachiisu waan ta’eef akka nageenyi bu’uu hinbarbaadu; waan hundas dhiibbaafi karaa abbaa irrummaatiin raawwachaa jira jedhan. ‎ ‎ ‎

Tigraay keessatti labsii baasuun guutummaatti mirgi namaa sarbamaa jira kan jedhan obbo Gu’iish, keessattuu dargaggoota humnaan dirqisiisuun gara waraanaatti guuraa jiraachuu ibsan.

Murni TPLF labsii baasuu matumaa hin danda’u kan jedhan Obbo Gu’iish, Manni Maree sunis ta’e hoggansi isaas Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatiin diigamuu ibsan.

Ta’us Murni TPLF karaa seeraan alaatiin labsii baasee ummata dararuun isaa gocha balaaleeffamuufi dhabamsiifamuu qabu akka ta’e himan. ‎

Tigraay rakkoo ishii muudate keessaa baasuuf falli ijoon sirni murna TPLF’n hoogganamu ilaalcha (ideology) isaa wajjin guutummaa guutuutti Tigraay keessaa dhabamsiisuu akka qabu eeruun, dargaggoonnis dogoggora darbanirraa barachuun naannicha murna TPLF jalaa bilisa baasuun ashaaraa kaa’uu qabaas dhaaman.

Gareen TPLF adeemsa biyya diiguu raawwachaa, faayidaa Ertiraatiif kan qabsaa’u ta’uus ibsan.

Girmaa Hundeen

.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version