“Daballiin taarifaa Ameerikaa Itiyoophiyaaf dhibbaa qabaatus carraa investimentii alaa dabala “

Date:

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 30,2017-Taarifni kaffaltii gibira omisha alaa galanirratti buufamu yoo ta’u, biyyoonni omishtoota biyya keessaa jajjabeessuuf yaadanii hojiirra kan oolchani.

-Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi biyyoonni biroo omisha nuti biyyasaanitti erginurratti taarifa dabalaa jiru kanaaf omisha alaa galaanirratti taarifa buusuu qabna jechuun waadaa wayita duula filannoo gaggeessa turan galan amma amma hojiitti hiikaa jiru.

Jalqaba omisha Meeksikoofi Kanaadaarraa gara Ameerikaatti galirratti taarifa harka 25 buusan itti aansuun omisha Chaayinarraa galanirrratti taarifa hanga harka  20 itti dabaluu himan.

Boodarra ammoo Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa 100’tti dhiyaatanirratti taarifa harka 10 hanga 49 itti dabaluu ifoomsan.

Daballiin taarifaa Ameerikaan bahe Itiyoophiyaaf carraafi miidhaa akkamii qaba jechuun ogeessa Faayinaansii,Obbo Gammachuu Birhaanuu dubbisneera.

Akka Obbo Gamachuun jedhanitti, diinagdee keessatti omishtoota biyyaa keessaa jajjabeessuuf omishni biyya alaa akka hin baay’anneef daballiin taarifaa barbaachisaadha.

Taarifni Ameerikaan omisha alaa galanirratti dabalte Itiyoophiyaarratti miidhaa qabaatus carraawwan investimentii hedduu fidee dhufaa jedhan.

Taarifni omishaalee Ameerikaan omisha Chaayinaarraa gara Ameerikaatti galanirratti buuste kan duraa osoo hin dabalatiin harka  34 kun ammoo dureeyyiin Chaayinaa Itiyoophiyaa dhufanii yoo hojjetan bu’aan argatan guddaadha.

Dureeyyiin Chaayinaa keessatti omishani gabaa Ameerikaaf dhiyeessuuf kan jalqaba dabalan wajjin taarifa harka 54 kanfaluu qabu.

Garuu Itiyoophiyaa keessa dufanii omishanii gabaa Ameerikaatti yoo ergan harka 10 qofa kanfalu.Kun ammoo hojiin beeksisuu yoo sirnaan hojjetame Itiyoophiyaa carraa investimentii guddaa ta’uu danda’a.

Itiyoophiyaan paarkiwwan indaastirii 10 gara zooniiwwan diinagdee addaatti jijjiiruun dureeyyiin investimentii keessatti akka himaataniif haala mijataa uuma.

Akka Obbo Gammachuun jedhanitti, seeronni zooniin diinagdee addaa itti hoogganaman dureeyyiin biyya alaa akkuma waan biyya isaanitti omishaa jiranii kan mijatuufi.

Dhiyeessiin anniisaa elektiriikaa kan biyyoota biroorra gatiin isaa gadi aanaa ta’uun fayyadamoo isaan taasisa jedhan.  Kanaaf Itiyoophiyaan carraa kanatti akka fayyadamtuuf hojiin beeksisuu cimuu qabaan dhaamsa ogeessa faayinaansii,Obbo Gammachuu Birhaanuuti.Hayiluu Takkuutu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...