‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 22, 2018
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa mata duree “Abdii dhaabuu ” jedhuun sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti eegalchiisan.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu Kutaa Magaalaa Buraayyuu Aanaa Annee Diimaatti jalqabame kanarratti jiraattonni Magaalaa Shaggar Aanaalee garagaraa hirmaataniiru.
Biqiltuu dhaaban kunuunsuun galma barbaadaneef akka oolu kan hojjetan ta’uus himan.
Akka Magaalaa Shaggaritti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu Miiliyoona 19 ol dhaabuuf hojii eegaluunis ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun Godina Shawaa Lixaattis dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa magariisaa baranaa eegaleera.
Godina Shawaa Lixaatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu miliyoona 511 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoota’u, guyyaa har’aa kanas Aanaa Dandii Haroo Dandii irratti biqiltuu dhaabuun jalqabameera.
Sagantaa kana irratti kan argaman Pirezidaantii itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, ashaaraan magariisaa egeree dinagdee biyyaa ta’uu himuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala birmadummaa dinagdee eegalame milkeessuun hiyyummaa seenaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.










