‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 18,2018
Aadaan Kenna tajaajilaa hundeerraa akka jijjiiramuufi Itti quufiinsi Ummataa akka mirkanaa’uuf mootummaan aangoo gad buusaa jira jedhan, Pirezidaantii itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Sagantaan Ifoomsa Hojiirra Oolmaa Riifoormii Tajaajila Mootummaafi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bishooftuutti qophaa’eera.
Hoggantuun Biiroo Pablik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Aadde Kookkabee Didhaa , rakkoo Kenna tajaajilaa bifa waaraan furuuf mootummaan hojiilee gurgurddoo raawwataa jiraachuu ibsan.
Riifoormiiwwan gaggeeffamaa jiraniin hawaasni tajaajila Mootummaa barbaadu qe’eesaatti akka argatuuf Mootummaa gandaa hundeessuufi wiirtuuwwan kenna tajaajila iddoo tokkoo (Masoob) ijaaruun hojiitti galchuus eeran.
Hawaasni tajaajila saffisaafi si’ataa akka argatuuf carraaqqiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa taasise dinqisiisaadha jedhan, Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarviisii Federaalaa Makuriyaa Hayilee (PhD).
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aantummaa ummataaf qabu agarsiisuuf murannoon wiirtuuwwan kenniinsa tajaajilaa ijaaruufi hojiitti galchaa jiraachuusaasaas jajaniiru.
Adeemsa Riifoormii Kenna tajaajilaa hojjetamaa jiru kunis muuxannoon kan irraa fudhatamu waan ta’eef odeeffannoon isaa bifa qindaa’een gurmaa’ee taa’uu akka qabus himan.
Hojii Riifoormii akka biyyatti eegalame kana milkeessuufis hunduu abbummaan tumsuu akka qabu dhaaman.
Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Mootummaan Jijjiiramaa Riifoormiiwwan damee hedduu gaggeesseen tajaajilli mootummaa akka si’atu hojjetaa jiraachuu ibsan.
Gama kenna tajaajilaatiin hojii bal’aa mootummaan hojjateen addaan citiinsa ummataafi Mootummaa hambifneerras jedhan.
Aadaan Kenna tajaajilaa hundeen akka jijjiiramuufi Itti quufiinsi Ummataa akka mirkanaa’uuf mootummaan aangoo gad buusaa jiraachuus eeran.
Umar Kurkeetiin
