‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 17,2018
Dhibeen Tiruu wayita nama qabu mallattoo akkamiitu namatti dhagahama? Yaalamanii fayyuunihoo ni danda’amaa laata?
Tiruun kutaa qaamaa ta’ee wantoota xuriifi summii dhiiga namaa keessaa kan calaluufi sadarkaa sukkaara dhiiga keessaa to’achuun fayyummaa namaaf murteessaa ta’us sababoota garaagaraan wayita dhibamu mallattoo garaagaraatu namarratti mul’ata kan jedhan, Ispeeshaalistiin dhibeewwan keessoofi Daarektarri Daarektoreetii Barnoota Fayyaafi Kominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa.
Dhibeen Tiruu waggaatti addunyaarraa namoota miliyoona 1fi kuma dhibba 3 galaafataa jiraachuu kan ibsan Dr.Gurmeessaan, hawaasni ofeeggachuu qaba jedhan.
Namoonni miliyoona dhibba 2fi miliyoona 40 ol dhibee Tiruu qabaachuu isaaniis ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan mul’isu yoo ta’us, tiruun kutaa qaama namaa murteessaafi kunuunsa barbaadudha jedhan, Dr. Gurmeessaan.
Hawaasni mallattoo dhibeewwanii wayita ofirratti argu daftee mana yaalaa deemuun qoratamuu qabaas dhaaman.
Ayinaalem Tarrafaatiin







