Labsiin qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuuf

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 12,2017-Labsii qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuufi gaafatama seeraa hordofsiisu yakkoota diinagdee baay’achaa dhufe ittisuufi diinagdee sirnaan hoogganamu qabaachuuf gahee olaanaa qaba jedhame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 14ffaa taa’een labsii qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuufi gaafatama seeraa hordofsiisu raggaasisuun isaa ni yaadatama. Dhimma kana ilaalchisee miseensa koree dhaabbii dhimmoota seeraafi haqaa, Obbo Adaalee Odaa waliin turtii taasifneerra.

Qabeenya maddi isaa hin beekamnetu diinagdee biyya kanaa keessatti faca’ee dhiibbaa geessisaa ture. Qabeenya seeraan ala horatame kana deebisiisuuf seera duraan ture keessa karaa bittinna’een waan tureef kana seera qabsiisuuf labsiin kun barbaachise jedhan.

Qabeenyi seeraan alaa, sharafa alaa biyyattiifi investimentii alaa dhufu irrattis dhiibbaa uumuun diinagdee biyyaa miidhaa turuu himan. Namoonni karaa seeraan alaan qabeenya horatan qabeenya kana dhoksuuf karaa seeraan alaa waan sochoosaniif,nageenya biyyaa irra darbee guutuu naannichaa jeequu danda’a.

 Sirna faayinaansii biyyattiis seera qabsiisuuf labsiin kun ga’ee olaanaa qaba jedhan. Namni qabeenya horate seera qabeessummaaf ragaa qabaachuu akka qabus ibsan. Qaamni mootummaas ta’e uummanni labsiin kun akka lafa qabatu gahee isaanii bahuu akka qaban dhaman. Akaaluu Baqqalaan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...