🖊️Itiyoophiyaan gaaffii karaa nagaa ulaa galaanaa argachuuf gaafatte, yoo milkaa’uu dadhabde, himachuuf seerri ishee gargaaru jiraa?
Ogeessi Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Addunyaa obbo Biruk Eeliyaas “Itiyoophiyaan ulaa galaanaa karaa lamaan argachuu dandeessi” jedhu. Obbo Biruk waa’ee ulaa galaanaarratti OBN waliin turtii taasisaniiru.
Bara Minilik 2𝑓𝑓𝑎𝑎 Waliigaltee Finfinnee (Addis Abeba Treaty-1896 GC) jedhamuun Itiyoophiyaan qaamashee yerosii Ertiraa har’aan dhabdee turte.
Ergasii mootii Hayilesillaasseen Ertiraan gara biyya haadhasheetti akka deebitu godhe.
Buufanni Doonii Galaana Diimaarraa Itiyoophiyaan qabdu hanga mootummaan dargii aangoo gadhiisutti harkashee ture.
Kufaatii Dargii booda guutummaatti ulaan galaanaa dhabame, “warra beekamtii hin qabnetu (garee TPLF) aangootti dhufee ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dabarsee kenne” jedhu obbo Biruk.
🖊️Waa’ee biyyoota Ulaa Galaanaa hin qabnee Seerri Idil-Addunyaa maal jedha?
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii (UN) seera bara 1982 ALA’tti baase “Convention Law of The Sea” keeyyata 125 jalatti, [ Biyyoonni Addunyaarraa ulaa galaanaa hin qabne, biyyoota ollaa isaanii ulaa galaanaa qaban keessa darbanii ulaa galaanaa akka argatan] deeggara.
🖊️Seerri kun biyyoota handaara galaana diimaa jiran akkamittiin ilaallata ?
Obbo Biruk Eeliyaas dhimma kanarratti “Ulaan galaanaafi Buufanni Doonii garaagara” jedhu.
Seerri Addunyaa biyyoonni kiiloomeetira 20 galaanatti dhiyaatan akka hogganan eeyyama, isa booda warri ollaa akka itti fayyadamanis eeyyameera, Itiyoophiyaanis isuma seerri Addunyaa jedhu kana gaafataa jirti.
Obbo Biruk Eeliyaas gaaffii kana biyyoonni ollaa Itiyoophiyaa akka lamatti ilaalu jedhu;
1𝑓𝑎𝑎 Akka carraatti ilaalu!
Itiyoophiyaan baay’ina ummataa qabduufi baay’ina humna waraanaa qabduun Nageenya naannoo galaana diimaa kanaaf murteessadha jedhanii warri amanan gammachuu qabu.
2𝑓𝑓𝑎𝑎 sodaa kan qaban jiru!
Bjyyoonni Itiyoophiyaa galaanarraa fageesanii turan, ni sodaatu. sababni isaa Itiyoophiyaan yoo guddatte dhageettii horattee olaantummaa gaanfa Afrikaa dhuunfatti jedhanii karaa itti cufuu barbaadu.
🖊️Itiyoophiyaan gaaffii karaa nagaa ulaa galaanaa gaafatte kana yoo milkaa’uu dadhabde, himachuuf seerri ishee gargaaru jiraa?
Obbo Biruk gaaffii kana deebi’suun “Mootummaan Itiyoophiyaa gaaffii kana gaafachuuniyyuu gootummaadha, kanumaaf ejjennoo dippiloomaasii kennanii fudhachuudhaan deemaa jira, imala gaariirra jiras.
Mootummaan ADWUI dhugaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaarraa qabdu haguugaa ture.” jedhan.
Yoo kun ta’uu baate karaan seeraan gaafachuu nama dandeessisu banaa ta’uus dubbatu.
“Duubatti deebinee yoo ilaalle, walii galtee bara Itaaliin Itiyoophiyaa koloneeffachuuf yaadde Mooticha Minilik 2𝑓𝑓𝑎𝑎 waliin raawwatame, (Addis Abeba Treaty] jedhamee beekamurratti Itaaliin akka qaama Itiyoophiyaa yerosii Ertiraa fudhattu malee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti baatu sana kan haammate miti.
Itaaliin abshaalummaa fayyadamtus waa’een galoo galaanaa achi keessatti hin tuqamne.
Walii galtee sana keessatti caqafamuu dhabuun ija seeraatiin akka himatan nama gargaara.
Itaaliin seericha sana yookiin walii galtee Finfinnee (Addis Abeba Treaty) jedhamu ofumashee yeroo weerara 2𝑓𝑓𝑎𝑎 Itiyoophiyaarratti gaggeessiitu waan diigdeef kufaa ta’eera. Kunis himachuuf nama dandeessisa.
Gama biraatiin…
Bara 1991 ALA’tti mootummaa ADWUI bakka bu’anii warri aangoo qabatan warri TPLF Ertiraaf beekmatii kennan ofiifuu beekamtii ummataa hin qaban. Mootummaa ummataan filataman miti; bosonumaa akka dhufanitti mootummaa dargii kuffisanii aangoo qabatan. Ergasii ofiifuu osoo ulaagaa seeraa hin guutin Ertiraaf beekamtii kennanii ulaa galaanaa Itiyoophiyaas dabarsanii kennan. Kunis qaamni yeroo sana Ertiraaf ulaa galaanaa kana kennee ulaagaa seeraa hin guutu; Ka’umsa himannaa ta’uu danda’a.
Inni biraa…
Seenaa Itiyoophiyaa kaasuun ni danda’ama. Itiyoophiyaan seenaa durii keessatti hidhanni isheen galaana diimaa waliin qabdu beekamaadha. Ertiraaniyyuu qaama Itiyoophiyaa akka turte beekamaadha. Akkasumas Teessumni lafaa Itiyoophiyaan irra jirtu (geographical location) mataan isaa Itiyoophiyaa galaana diimaatti dhiyeessee jira. Tulluu Diimtuurra dhaabbatanii Finfinnee ilaaluu jechuudha. Ijaan osoo galaana diimaa ilaalluu KM 60 dabarree galaanicha qaqqabuu dadhabne. Isarrattiyyuu dargaggeessa miliyoona 135 caalu osoo qabnuu inniyyuu dargaggeessa humna oomishaati. kunimmoo nageenya Addunyaafiyyuu yaaddoo waan ta’uuf nageenyicha mirkaneessuuf Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka qabaattu dirqama waan ta’eef kana qabatamee yoo deemame mana murtii idil-addunyaatti himachuu nama dandeessisa” jedhan obbo Biruk.
Barreessaa Ol’aanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guutereez waa’ee gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatterratti sirrii ta’uu yaa’ii biyyoota ulaa galaanaa hin qabne Awaazaatti taa’amerratti mirkaneessaniiru, kunis deeggarsa ta’a.
🖊️ Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa dhabuun tasgabbii nageenya dhibuu Itiyoophiyaa keessaaf sababa ta’innaa?
Obbo Biruk Eeliyaas gaafa himan “rakkoon nageenya dhabuu Itiyoophiyaaf galaanni diimaan sababa ture. Baroota dheeraaf Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf waanti baayyeen hojjetameera; tasgabbii dhorkuun kun maddisaa bishaan lama isaanis Abbayyaafi Galaana diimaadha.
Warri Lixaas Naannoo Sulula Abbayyaa kana to’achuuf yaalaa turan; Galaana diimaarraa Itiyoophiyaan akka fagaattuuf gochaa turan. Itiyoophiyaan Galaana diimaatti dhiyaannaan Addunyaarratti dhiibbaa uumti jedhanii sodaatanii irra ciqilfataa turan.
Itiyoophiyaan bishaan calalaa biyyoota ollaa hundaaf kenniti, ofiif garuu biyya kamirraayyuu bishaan qicattu hin qabdu.
Warri ollaa Itiyoophiyaan osoo isaan obaastuu Itiyoophiyaaf hin kenninu jechuu hin qaban.
Walitti bu’iinsi biyya keessatti kaleessa ture, har’allee mul’atu tarii boris mul’atu ka’umsi isaa bishaanota lamaan Abbaayyaafi Galaana Diimaadha.
Kanaaf ummannis qaamonni qabsoo gaggeessan dhaabatanii ilaalanii itti yaaduu qabu.
Hawaasni addumatti, warreen maqaa qabsoon biyya keessa jiran, dhuguma qabsoodhamoo duuba isaanii ergaa biraatu jira jedhanii yaaduun gaariidha” jedhu.
“Waan bara 1991 ALA ta’e yaadachuun bareeda. Ummata bilisa baasna jedhanii, Ulaa Galaana Diimaa Itiyoophiyaa dhabsiisan.
Har’as maddi walitti bu’iinsaa isa waliin wan wal qabatuuf, eenyutu jarreen kana deeggara?, eenyutu isaan ergata?, maaliif meeshaa waraanaa kennuuf?, kan jedhu namni sirriitti hubatee beekuu qaba.
Kana dhaabsisuufimmoo Itiyoophiyaan dirqama ulaa galaanaa argachuu qabdi.
Gaafas rakkoo nageenyaa biyya keessatti mul’atu kana dhaabuufis hir’isuufis ni danda’ama” jechuun yaada OBN’f kennani.
🖊️Dargaggeessis ta’ee hawaasni biyya kanaa bara dijitaalummaan dagaage kana akkamittii waa’ee biyyasaa kana eegumsa gochuu qaba?
Obbo Biruk “Warri Itiyoophiyaa jilbeenfachiisuu barbaadan dargaggoota dhageettii qabaniifi mootummaa cinaa hin hiriirre barbaadanii ergachuu barbaadu. maallaqaan gowwoomsuu kajeelu; gochaas turaniiru. Kaleessa laga hidhaa Abbayyaa dhaabsisuuf waan danda’an hunda gochaa turanis milkaa’uu dadhaban.
Ammas Itiyoophiyaan ulaa galaanaa waan gaafatteef isa kana dura qaabachuu qabna jedhanii murteeffatanii warreen hojjetaa jirantu jiru.
Warrumti lammii Itiyoophiyaa ta’anii dhiibbaa uumna ofiin jedhan gaaffiin ulaa galaanaa ajandaa nama tokkooti ajandaa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) qofa malee kan ummata Itiyoophiyaa miti, inni ajandaa kana kan fideef aangoorra turuufi jedhanii kan haasa’an jiru. Kunimmoo hangam biyya ganuu isaanii agarsiisa.
Kun maaliif eenyutu isaan deeggara jedhee ummanni qorachuu qaba?
Lammileen Itiyoophiyaa injifannoo hedduu waliin fidataniiru. Fakkeenyaaf injifannoo ADWAA fi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ilaaluun ni danda’ama. Ammas ulaan galaanaa yoo argame injifannoon isaas, faayidaan isaa kan ummata Itiyoophiyaati.
Kanaaf ummanni keessumaa dargaggeessi dhimma dantaa biyyaarratti hubannoo horachuun, harka duubaan hiixatee nageenya biyyaa sarbuu barbaadu waliin ta’anii kutuu qabu.
Kunimmoo kutannoo barbaachisa. walii galuun murteessadha.
Miidiyaaleen dhuunfaas ta’ee kan mootummaa ummanni hubannoo akka argatuuf cimanii hojjechuu qabu” jedhan.
Yaadasaa Lammaatiin
